New1

Maahaviir Industirii Waldaa dhunfaa itti gaafatamummaan isaa murtaa’ee

fi

Waldaa bu’uuraa Hojjattoota

Maahaviir Industirii

Waldaa dhunfaa itti gaafatamummaan isaa murtaa’ee

Gidduutti walta’iinsa gamtaa taasiffamee

Waxabajjii 2008

Finfinnee

Seensa

Warshaan Huccuu Maahaviir eesa hundeeffamee eegalee hanga harra gahuutti walta'iinsa gamtaa walitti dhufeenya hojjachiisaa fi hojjataan qabu, itti gaafatamummaa. kabaja naamusaa fi haala tarkaanflin itti fudhatamu, dabaliii mindaa. keenna guddinaa fi ramaddii

sadarkaa akkasuimias hanga laayidaalee adda addaa itti murtaa'u waa'ee omishaa fi guddinaa, waa'ee nagheenya hojjataa fi hojjachiisaa akka waliigalaatti waa'ee mirgaa fi dirqamoola hojjataa ilaalchisee rakkiina hordoofsisee tilmaama kcessa seensisimdhaan:

Bu'uura labsii dhimma hojjataa fi hojjachiisaa 377/1996 waa'ee walta'iinsa gamtaa kan ibsamee raawvvii irra olchuudhaaf vvaan barbaachisee fi dhimmoota labsicha irratti hin ammatamnee garu labsichii walta'iinsa gamtaa keessatli hammatamu qabu kan jedhuun walitti dhufeenya hojjachiisaa fi hojjataa mirgaa fi dirqama isaaniin tarreessce olkaa'tmn haala nageenya hojii fi ormshtummaa akkasuumas lubbuu hojjataa'ichaa eegudhaaf faayidaa qabu hubachuudhaan;

Hojjachiisaa fi hojjataan qaama adda bahaan osoo hin taanee, walitti ta'aanii fi qindaa'anii faayidaa waliinii isaaniif tokkoo isa biroof barbaachiisaa waan ta'eef walta'iinsa waliinii seera isaaniif ta'u fi to'achuunii qabu irra gahuudhaaf murteessummaa waan qabuuf: kanuuma qaama hojjaehiisisaa fi hojjataadhaaf danbii fi sirnaan ibsuun faayidaan isaa ol'aanaa waan ta'eef walta'iinsii gamtaa itti aanu taasiffameerra. Kanaafuu hojjataan tokkoon tokkoon walta'iinsa gamtaa kana irratti dirqamoola tarreeffamanii fi mirga seeraan hubachuun mirga isaa kabachiisuu fi hanguuma saniin immoo dirqama isaa bahuudhaaf warshichii warshaalee omishaa biro waliin dorgoomee kan caalu omishaa fl mo'ataa ta'ee argamuun hojjataan guddina fiduii akka danda'uu omishaaf xiyyeeffannoo akka keennti irraa eegama. Gama hojjachiisaanis mirga hojjataa bu'uura walta'iinsaan eegu fi tarkaanfiiwwan hojii fi omishtummaadhaaf kakkaasan fudhachuudhaan dibbaawwan barbaachisoo hin taanee maqisuudhaan gaafii hojjataa qixaa. fi haala hojiimaata dimookiraatawaa lafa irra hin harkiilamneen akka guutuu ni eegama.

Walta'iinsii gamtaa kun yeroo hojii irra oluutti rakkinaalee uumaman hikuudhaaf tattaafii taasisuun dirqama qaama tokkoo qofa akka ta'eetti ilaaluu baachuudhaan gareen lamaanuu milkaa'iina nagaheenya Industirii fi badhaadhiina waliinii wal deeggaruu it yaada waliin wal jijjiiruudhaan wal deeggaruun aadaa hojjachuu dagaagisuuf gumaachii heeddun nurraa eegama.

Kutaa Tokko: Walta’iinsa waliigalaa

Keewwata Tokko: Kaayyoo walta’iinsa gamtaa

1. Kaayyoon walta’iinsa gamtaa feedha warshaa fi hojjataa’ichaa wal; iinii irratti kan hundaa’ee ta’ee tarreeffamnii isaa akka itti aanu ta’a.

2. Walta’iinsii warshaafi hojjataa’icha gidduutti seera qabeessa ta’uun isaa beekamee akka hojjatu.

3. Karoorrii hojii warshichaa galma akka ga’u hanga danda’aameen tattaaffii taasisuu fi omishichii qulquulliina akka qabaatu taasisuu.

4. Danbii sirna dhiyeessa disipiliiniifi koomii dandeessisan ilaallatan baasu.

5. Humnii namaa warshaa keessa jiru haala seera qabeessaan hojii irra akka olu taasisuu.

6. Fayyaafi nagahee hojjattootaa haala toftaa itti eegamufi meeshaalee itti eegaman haalii itti foyya’u barbaadu.

7. Haala sirna kanfahii mindaafi haala eegumsa hojii danbii baasuu.

8. Ijjannoofi qabeenya warshaa eegu.

9. Tajaajiloota adda addaa hojjatoota warshichaaf barbaachisan haala itti gurmaa’an mijeessuu.

10. Mala hojii warshaa foyyeessuufi ijjannoo ammayyaa akka qabaatu taasisuudhaaf.

11. Bulchiinsi warshichaafi waldaa hojjattootaa waa’ee sochii warshichaafi waa’ee hojjattootaa akka barbaachisummaa isaatti wal gahuudhaan waliin mari’achu.

12. Hojjataan guddinaa fi misooma biyyichaaf gahee isaa gumachuu akka danda’u warshichii karoora omishaa murtaa’eef galma akka gahuufi hojjataan tokkoon tokkoon isaa hojii isaa qulqullinaafi si’aayinaan akka hojjatuu taasisuudhaaf.

13. Hojii tuffachuu, jibba hojii, naamuusa dhabummaa, laafiinaafi dhadhabiina, maal nagalcheefi qabeenya qisaasuufi eeyyama malee hojii irraa hafuu sirnootaa k.k.f duubatti hafuummaafi Aadaafi barmaatii dubatti harkisoo guutuummaan balleessuudhaafi hojjataa’ichii kan caalu kabaja jojii irra caala hubatee naamuusa dafaqaan bulaatiin akka hojjatuu taasisuudhaa.

14. Nageenya Ikoonoomiifi haawwaasummaa hojjattootaa eeguufi akkasuumas yeroo gara yeroo ogummaafi beekumsa isaanii foyyeessuudhaafi haawwaasummaafi bulchiinsaa irratti hirmaannaafi gahuumsa akka qabaatan taasisuudhaaf.

15. Hojjataa’iuchii mirgaafi dirqama isaa rogaan akka beeku baruumsa keennuudhaaf.

16. Seera hojjataa’icha ilaallatan walta’iinsa gamtaa danbiiwwan bulchiinsa hojii irrra olchuudhaaf.

17. Hojjataan faayidaa warshichaafi isaa kan wal hidhatu ta’u hubachuudhaaf qabeenya…. Ummaaf itti tajaajilamuufi meeshaa warshaa kamiyyuu of eeggannoon akka eegu taasisuudhaa.

18. Haayidaalee daaballii mindaafi kanneen biroo maallaqaan wal qabatan murteessu.

19. Hojjattoon warshichaa naamuusa dafqaan buluutiin ijaaramanii baasii xiqqaadhaan bu’aa omisha galcheen kallattiin fayyadamaan isa ta’u mirkaneessuudhaaf.

20. Omisha warshaa keenyaaf kufama human namaa gochaan leenji’ee murteessaa gahee of aanaa kan qabu waan ta’eef human namaa karooraan leenjisuufi ijaaruuf.

21. Labsii hojjataafi hojjachiisaa amma jiru 377/1996 fi labsiiwwan gara fulduuraa ba’aanifi qajeelfamootaafi danbiiwwan kaayyoowwan walta’iinsa gamtaa caqasan guutummaan guutuutti guutuudhaaf.

Keewwata 2: Hikkaa Jechootaa

Walta’iinsa gamtaa kana keessatti jechuun caqasaman hirkoo itti aanu qabaatu.

1. “labsii” jechuun labsii hojjataafi hojjachiisaa 377/1996 jechuudha.

2. “Hojjataa” jedhuun labsii dhimma hojjataafi hojjachiisaa 377/1996 keewwata 4 bu’uura mullisuun hojjachiisaa duukaa walitti dhufeenya qacarrii hojii nama dhunfaa qabu jechuudha.

3. “Warshaa” ykn “hojjachiisaa” jechuun HuccuuMaahaviir jechuudha.

4. “Waldaa” jechuun waldaa hojjattoota Warshaa huccuu Maahaviir jechuudha.

5. “Iddoo hojii duwwaa” jechuun guddiina warshichaafi baballachuuf barbaachisummaan isaa mirkana’e eeyyama hojjachiisaan gahee hojii haaraa saaqameeykn hojjataan irra jiraatee kan gadii lakkiifameefi hojjataa bakka bu’u gahee hojii barbaachisuu jechuudha.

6. “Yeroo hojii darbaa” jechuun labsiifi walta’iinsa kan keessatti sa’aa hojii iffatti caqasamani ol eeyyama hojjachiisaan hojjataan sa’aa hojii idileen ala yeroo darbaa hojjatee jechuudha.

7. “A/L/H” jechuun walta’iinsa gamtaa kanaa ykn qajeelfama seera mootummaan ifatti yoo ibsameen alatti akka lakk. Itiyoophiyaatti Fulbaanaa hanga Qaammee 5 ykn 6dha.

8. “eeyyama” jechuun Boqqoonnaa waggaa, Dhukkuubbii, Gaddaa, Da’iisaa, Gaa’ilaa, Hojii waldaa kkf. Gosoota eeyyamaa jechuudha.

9. “Huffata hojii” jechuun bu’uura kaarooraafi walta’iinsa gamtaa kana keessatti Eksiartiin dhimma hojjataafi haawwaasummaa qoratee kutaa hojii tokkoon tokkoonii akka barbaachisummaa isaatti dhimmii hojjataafi haawwaasummaa barreffamaan yammuu eeyyamu yeroo murtaa’e keessatti hojjataadhaaf akka ofiirraa ittisuuni kan keennamu jechuudha.

10. “Balaa kan ittiin ittiisamu” jechuun adeemsa hojii warshichaa irraa kan ka’e balaa ykn midhaa hojjataa irra qaqqabuu danda’u kamiyyuu ittiisuudhaaf ni dandeessisa jedhamee ministarii dhimma hojjataafi haawwaasummaa qoratee kutaa hojii tokkoon tokkooniif barbaachiisaa ta’u isaa itti aamanee barreeffamaan yammuu eeyyamu hojjataadhaaf yeroo murtaa’eetti akka ittiin of irraa ittiisuu kan keennamuudha.

11. “Guddiina” jechuun armaan olitti lakk. 5 irratti haala ilaaluun gahee hojii idddoo duewwaa argamee irratti hojjataan gahee gadii aanaa irra turee irratti dorgoomeefi hojjachiisaan mirkanaa’e iddoo guddiinaa keennamuudha.

12. “Jijjiiraa” jechuun bu’uura walta’iinsa gamtaan bulchiinsi warshichaa hojjataa’ichii tajaajila foyya’ee ni keenna jedhamee iddoo itti amanee kutaa hojii tokkoo gara kutaa hojii biroo ykn dabareedhaa gara dabaree akkasuumas warshaadhaa gara warshaa biroo jijjiiruudha.

13. “Of eeggannoo” jechuun of eeggannoo afaaniitii eegalee sadarkaa sadarkaadhaan waliigalteen hojii adda cituu isaan dursa kan keennamu hanga of eeggannoo barreeffamaa isa dhumaa gahutti kan jiru yammuu ta’u ibsii dhimma hojjataafi hojjachiisaa 377/1996 keewwata 28 tiin kan ammatamuudha.

14. “Faayidaalee” jechuun bu’uura walta’iinsa gamtaa kanaan faayidaa hojjataadhaaf keennamu jechuudha.

15. “Kanfaltii gaggeeffama hojii” jechuun bu’uura labsii dhimma hojjataa fi hojjachiisaa 377/1996 keewwata 39 tiin kanfaltii raawwatamuudha.

16. “Mindaa” jechuun akka hojjataan tokko bu’uura waliigaltee hojiin hojii raawwatuuf kanfaltii idilee kanfalamuuf jechuudha.

17. “Bu’aa tokkoon tokkoon hojjataan tokko bu’uura waliigaltee hojiin hojii raawwatuuf kanfaltii idilee kanfalamuuf jechuudha.

18. “Bu’aa tokkoon tokkoon hojjataa/Omishtummaa” jechuun bu’aan omishinii warshichaa gatii gurgurtaa taaksii osoo hin dabalannee hanga yeroo hojii waliigalaa argamu hiruun bu’aa argamuudha.

19. “Maatii” jachuun

a. Abbaa/ haadha manaa seeraa hojjataa/ttuu

b. Ijoollee hojjataa/ttuu umuriin isaanii waggaa kudha saddeetii gadii

c. Maatii du’aa garaarsa hojjataa/ttuun deeggaramaa turaniidha.

Ykn maatii jehcuun abbaa mana ykn haadha manaa seeraa hojjataa ijoollee hojjataa/ttuu umuriin isaanii waggaa kudha saddeetti gadii ta’an of danda’aanii hin jiraanneefi maatii hojjataa/ttuun deeggaramaa turaniidha.

20. “Seeroota” ykn”Qajeelfamoota” jechuun walitti dhunfeenya hojjataafi hojjachiisaa ilaalchisee mootummaan kan baaseefi seeroota ykn qajeelfamoota gara fulduuraa baasu jechuudha.

21. “Falmii hojii” jechuun bu’uura labsii dhimma hojjataafi hojjachiisaa 377/1996 keewwata 136 lakk. 3 tiin seera, walta’iinsa gamtaa, danbii hojii, waliigaltee hojii ykn barmaatii itti hojjachaa turee bu’uura godhachuudhaan akkasuumas walta’iinsa gamtaa duukaa dhimmoota walqabatan ilaalchisee hojjataadhaan hojjachiisaadhaan ykn waldaa hojjattootaafi hojjachiistoota gidduutti falmii ka’udha.

22. “Gahee hojii jechuun bu’uura ijaarsa human namaa warshichaan warshicha keessatti gaheewwan hojii jiran jechuudha.

Keewwata 4: Mirga dogoggoora Sirreessuu

1. Walta’iinsa gamtaa kanaan ykn seeroota fi qajeelfamoota biroon haaleen hin eeyyamamnee umamuu isaaniitiin akka beekamu hojjachiisaafi waldaa hojjachiisaa foyya’iinsa barbaachisoo ykn sirreeffama gochuun kan eeyyamameedha.

2. Balleessaa fayyadamaatiin ykn gocha gidiraa osoo hin taanee dogoggooraan ykn balleessaa nama sadaffaa birootiin maallaqinii hojjataadhaaf seeraan ala kanfalamee yoo jiraate warshichii ykn hojjachiisaan haala yeroo kanfaltii heereegichaa dheereesuufii ni danda’a.

3. Dogooggoorii kan raawwatamee gidiraadhaan ykn ta’e jedhamee dogoggoorsoo taasiffameen yoo ta’e hojjachiisaan walta’iinsa gamtaa kanaan tarkaanfiiwwan caqasamaniin kan wal madaalu balleessaa kan raawwatee irratti fudhachuudhaan heereega barbaadamu kanfalchiisuu ni danda’a.

Keewwata 5: Waa’ee Walta’iinsa dabalataa taasisuu

1. Warshaa’ichii ykn hojjachiisaan itti gaafatamtoon kutaa gochaafi kaayyoowwan guyyaa guyyaa omishichaafi hojjataa’icha jajjabeessuufi bulchuu bu’aa karoorfameef akka argamsiisuu taattaafii barbaachisu taasisuu yammu ta’u, meeshaaleefi hojjataanis humnoota omishaa adda hin baanee hanga ta’u isaani of eeggannoofi kunuunsa addaa ni taasisaaf.

2. Kaayyoo bu’uuraa kanas galmaan gahuudhaaf warshichaafi hojjataadhaaf haalleen seera qabeessaa barbaachisoo ta’aan guutuudhaaf hojjachiisaafi waldaan yeroo barbaachisoo ta’aanitti wal qunnamaa mari’achuudhaan wixineessuudhaa yaadoolee dandeessisan wal jijjiiru ni danda’u.

2.1. Waldaan hojjachisaa fi hojjataa sochii hojii warshichaatiif, waa’ee haala hojjataafi rakiinaalee adda addaa ji’a sadii sadiin wal gahaanii mari’achuun furmaata ni barbaadu.

2.2. Hanga yeroo walga’ii murtaa’eetti dhimmii arifachiisaan turuu hin dandeessisnee yoo mudatee dura ta’aan waldaa hojjataafi hojii adeemsisaan warshichaa irratti ni dubbatu. Ta’us baayee barbaachisaa ta’e yoo argamee dura ta’aan waldaa hojjataafi miseensa koreen hojii raawwachiftuu waliin ta’uun fi bulchiinsii hojii warshichaa itti gaafatamtoota qajeelchaafi tajaajilaa ilaallatu waliin ta’uun irratti ni dubbatu.

2.3. Hojjachiisaafi waldaan hojjataa gara fulduuraa barbaachisaa ta’e yoo argatee walta’iinsa biroo walta’iinsa gamtaa kana keessatti hin ammatamnee taasisuu ni danda’u.

2.4. Mootummaan haala qabatamaa biyyaa irratti hundaa’e seeroota danbiiwwaniifi qajeelfamoota baasu haaleen hojjataadhaaf eeyyaman hanga danda’aamaa ta’een walta’iinsa gamtaa kana waliin waliigalanii raawwiirra akka olanii qophii barbaachisoo yeroo yerootti ………

2.5. Sababoo haaleen armaan olitti caqasamaniin walta ‘iinsii irra qaqqabu ministara dhimma hojjataafi haawwasummaatiif dhiyaate ni galmaa’a.

Keewwata 6: Waa’ee Mirga Waliinii Beekuu

1. Waa’ee mirga hojjachiisaa beekuu

1.1. Walta’iinsa gamtaa kanaan haala addaan kan murtaa’e yoo ta’een alatti warshichii hojjataa akka sadarkaa isaan ramaduu, sagantaa hojii baasuu, karoora hojii haaraa qopheessuu, ajajii hojii hojjachuuf, baayinaafi qulquulliina omishaa to’achuuf, hojjataa haaraa qacaruuf, hojjattoota qacaramaniifis guddina keennuf, hojjataa jijjiiruuf, tarkaanfii namusaa fudhachuuf, bu’uura walta’iinsa gamtaa kanaafi labsii dhimma hojjataafi hojjachiisaa 377/1996 tiin gaggeessuudhaa.

1.2. Labsii dhimma hojjataafi hojjachiisaa 377/1996 walta’iinsii gamtaa kuniifi labsiiwwan mootummaa seeraafi qixaan hojii irra oluu isaanii mirga hordoofuu qaba.

2. Waa’ee mirga waldaa hojjataa beekuu

2.1. Hojjachiisaan haala hojjiiwwanii, falmii hojii, walta’iinsii gamtaa dhimmoota wal fakkaatan ilaalchisee waldicha seera qabeessa godhee ni fudhata.

2.2. Waldaan hojjataa armaan olitti keewwata xiqqaa 1.2 bu’uura caqasameen hojjataa bakka busuufi hojjataa’icha seeraafi walta’iinsa gamtaa bu’uura eeyyamuun raawwii karoora hojiifi bulchiinsa warshichaa irratti hirmaannaa akka qabu taattaafii barbaachisu hunda ni godha.

2.3. Gocha ijoon itti waamamtoota waldaa kutaa kutaa hojiifi hojjataa ilaalchisee haala sirrii ta’een gurmeessuu waan ta’eef walta’iinsa gamtaa kana keewwata 10 mirga tarreeffaman warshichii ykn hojjachiisaan rogaan ni beekaaf.

Kutaa Lama: Mirgootaafi Dirqamoota

Keewwata 7: Mirgoota Warshichaa Ykn Hojjachiisaa

1. Walta’iinsa gamtaa kanaan ykn bu’uura labsii dhimma hojjataafi hokjjachiisaa 377/1996tiin yoo caqasameen alatti hojii washichaa kamiyyuu karoorsuuf, ogganuuf, to’achuuf, hojjataa iddoo barbaachiseetti ramaduufi guddina keennuf, sababa gahaadhaan iddoo gara iddoo jijjiiru.

2. Bu’uura labsii dhimma hojjataafi hojjachiisaa 377/1996fi walta’iinsa gamtaa kanaan sababa gahaadhaan adabuudhaaf, sadarkaa gadii busuudhaaf, hojii irraa dhorkuuf, hojii irraa gaggeessuu ykn guyyaa 45 dhorkee tursisuuf.

3. Iddoo hojii haaaa saaquiddoo hojii turee barbaachisummaa hojjataa murteessuuf, gahee hojiif humnan hojjataa barbaachisaa ta’e murteessu, hojichaaf baruumsa/sadarkaafi muxxannoo hojii barbaachisu murteessuf, hojjataa haaraa bu’uura seeraan qacaruuf, hojjataa dorgoomee mo’ateef bu’uura walta’iinsa gamtaa kanaan qacaruuf, guddiina sadarkaa keennuudhaaf, tarkaafii naamuusaa fudhatamuu qabuuf foyya’iinsa taasisuuf, ykn dhifama gochuuf.

4. Wa’ee hojii warshichaa, eegumsa qabeenyaa warshichaa gaama sadaffaa biroo waliin waliin dubbachuuf bittaa fi gurguurtaa meeshaa waliigaltee taasisuuf, Inshuuraansii seennuufi waliigaltee biroo barbaachiisoo ta’aan taasisuudha.

5. Gama biroon yoo ibsameen alatti warshicha dhimma hojiifi hojjattoota ilaallatu ibsa keennuufi beeksisa baasuuf sagantaa baruumsa baasuudhaaf mirgii kan warshaadha.

6. Idaawwan warshchaa hojjataa irraa barbaadamu hojjataan warshicha duukaa bu’uura waliigalteewwan taasisuun abbaa mirgaa seera qabeessaaf dabarsuudhaaf gochoota kkf raawwachuudhaaf mirga qaba.

7. Hojjachiisaan gara dallaa yeroo seenaniifi ba’aan namaafi konkoolaataa kamiyyuu sakatta’u ni danda’a.

8. Warshichii barbaachisoo ta’e yoo argatee waldichaaf beeksisuun dabarree dachaasuuf ni danda’a.

Keewwata 8: Dirqamoota Warshichaa

1. Bu’uura labsii dhimma hojjataafi hojjachiisaa 377/1996 ykn seerootaafi qajeelfama mootummaa biroo ykn walta’iinsa gamtaa kana keessatti mirgaafi dirqama caqasaman rogaan hojii irra olchuu.

2. Yeroo mindaa hojjataa warshichaa kamiyyuu ilaalchisee mindaa irraa kan hirifamee tarreeffamaan guca hubachiisu mindaa waliin ykn mindaa fudhachuu isaa dura keennu qaba. Kunis kutaan heereegaa haala hojiin mijatuun ni raawwata. Mindaan hojjataa jiinii seenee guyyaa 28ffaatti kanfalamuu qaba. Guyyaan Ayyaana irra ykn Sanbata guddaa irra yoo olee guyyaa 28ffaatti kanfalamuu qaba. Guyyaan Ayyaana irra ykn Sanbata guddaa irra yoo olee guyyaa kana dursee guyyaa hojii jirutti ni kanfalama.

3. Warshichii dhimma hojjattoota waliigalaa ilaalu lunda jijjiiraa qajeelfama kamiyyuu yeroo taasisu yeroo hojii dursa waldichii akka beeku ni taasisa. Ta’us jijjiiraa’ichi hojjataa irratti midhaa kan geessisu ta’e yoo itti mulatee warshicha duukaa ni dubbata. Kunis jijjiiraa’ichi walta’iinsa gamtaa kana keessatti dhimmoota barreeffaman kan aguugu ykn kan faalleessu ta’u hin qabaatu.

4. Hojjataan kamiyyuu miseensa waldaa hojjataa akka ta’u ykn akka hin taanee ykn miseensummaa isaa akka dhisuu tasisuudhaaf hojjataa gidduutti garaagarteen hin godhamu.

5. Warshichii sababa naannummaadhaan ykn saalaan, amantaadhaan, ilaalcha siyaasaan hojjataa giddutti garaagartee hin godhu.

6. Miseensa waldaa hojjataa kan ta’aan akkasuumas miseensa waldaaa hojjataa kan hin taanee akka filuun dhibbaan kamiyyuu hin taasisu ykn gaggeessaa waldaa hojjataa waan ta’eef guddiina sadarkaa isaani hin dhorkatu.

7. Hojjataan tokko labsii, qajeelfama fi danbii mootummaan, walta’iinsa gamtaa kanaan mirga seera qabeessaa keennameef kallattiin ta’e al kallattiin hangii isaa akka hiratu hin taasisu gocha seeraan alaa kabaja isaa xuqu hin raawwatu.

8. Biroowwan hojiif barbaachisoo ta’e, mi’a hojiifi meeshaalee dheedhii hojiif barbaachisu haala guutuu ta’een hojjattootaaf ni dhiyeessa.

9. Warshichii hojjataa baayee ykn guutuu labsii dhima hojjataafi hojjachiisaa 377/1996 tiin ala hin hirisu k…. ta’e warshichii tarkaanfii kana fudhachuu isaan dura waldichaaf dursee ni beeksisa.

10. Warshichii hojjataa kan… yoo hirrisu ta’e guddina yoo keennuf iddoo gara iddoo yoo jijjiru hojjataaf barreeffamaan ni keennaaf. Kuniis qajeelcha hojii ilaallatu hundaf dursee ni beeksisa.

11. Sababa hojiin balaa/dhukkuubbii/ qaqqabaniif bu’uura labsii dhimma hojjataa fi hojjachiisaa 377/1996 tiin hojjataa irratti iddoo hojitti midhaa qaqqabanii akkasuumas sababa hojiin dhukkuubbii dhufaniif hojjachiisaa/ warshaa/ itti gaafatamaa ta’a.

12. Dallaa warshaa keessatti tajaajila hojjataaf kan olu bilbiila uummataa akka seenu warshichii qaama mootummaa ilaallatuuf gaafii dhiyeessee akka raawwatamu tattaafii ni godha.

13. Meeshaan balaa ibdaa ittiin ittiisamu kan warshichaa guutuu ta’e hojii kanaaf hojjattoota gahuumsa qaban meeshaa guutuu waliin akka barbaachisummaa isaatti ni dhiyeessa.

14. Hojjattoon eegumsaa hojii isaaanii seeraan hojii irra olchuu akka danda’aaniif warshichii meeshaa eegumsaa barbaachisoo ta’e ni dhiyeessa. Hojicha ilaalchisee baruumsa barbaachisu akka keennamuf ni taasisa.

15. Warshichi hojjatootaaf laastikaan ykn maayikiidhaan suuraa hojjattootaa iddoo itti hojujatu dabalata kan agarsisuu ta’e waraqaa eeyyuummaa qophaa’e ni qopheessa. Yoo moofa’ee moofaa isaa keennee ni jijjiiramaaf. Yoo jalaa bade garuu Poolisiin raggaasisee yoo fidee gatii isaa kanfalee bakka bu’iinsa barbaachisoo ni taasisa.

16. Gocha warshichaafi nageenya warshichaaf midhaa qaban maqisuudhaaf ykn foyyeesuuf ogeessaan qorachiisee foyya’iinsa barbaachisoo ni taasisa.

17. Warshichii iddoo hojjataaf barbaachisaa ta’eetti bishaan dhugaatiifi dhiqannaa qaamaafi mana fincaanii ni qopheessa. Meeshaaleedhaaf akka barbaachisummaa isaatti yeroo yerootti suphaafi hordooffii ni taasisa.

18. Maashiniin dhaabbatee turee ka’u isaan ykn balaa ibdaa tasaan ykn waamicha barbaachsiaa ta’een ykn dhukkuubbiin kan hafee haala omishaa jijjiiruun yoo muudatu yoo ta’e ala hojjataan jijjiiraa dabaree daqiqaa 40/afurtama/ booda gara iddoo akka jijjiiramu hin taasisu. Tumaan kun hojjataa rizarfii hin ilaallatu.

19. Carraan guddina hojjataa tokkoo daangeessuuf ykn hojjataa midhuuf jedhamee iddoo hojii tokkoo gara iddoo hojii biroo hinjijjiiramu.

20. Warshaa keessatti hojjattoon dhaabbiin hojjatan hundii kanfalamtoota ji’aa akka ta’aanii ni taasisa.

21. Hojjattoon warshichaa yaaliif, hojiif, leenjiifi dhimma adda addaa warshicha duukaa wal qabateef gara waajjira dame warshichaa yoo eergamee dhimma hojjattootaa fudhatee rogaan ni raawwata.

22. Hojjataan sababa hojiin iddoo deemanitti balaafi dhukkuubbii irra qaqqabuun deeggarsa barbaachisu yoo gaafatee maallaqinii geejibnii deeggarsii adda addaa barbaachisuun ni taasisa.

23. Hojjataan sababa dhukkuubbiin Boordiin yaalii bu’uura murteessuun waliigalte hojii irratti iddoo caqasameen ala iddoo biro hojjachaa hojjataa’ichi midhaa ykn dhukkuubii giddu galeessaa isa irra qaqqaee irraa akka dandaammatu yeroodhaaf yoo qabamu washichii mirga hojjataa osoo hin hirisnee gara iddoo mijataa biroo ni naanneessaan.

24. Warshichii human …. Warshichaa ol yaalii ta’eef bu’uura ajaja kilinkaan hojjattoota gara Hospiitaala biro eergamaniif hospitaaloota adda addaa waliin waliigaltee yaalii duubee ni seena.

25. Warshicii hojjataa yeroo yaalii isaa xumureef gahee hojii isaa irratti ramadamuu isaatiif xalayaa isa qaqqabu duukaa tarreeffama gahee hojii hojiifi itti gaafatamummaa isaa/ jop diskiripshiinii/ ni keenna.

26. Warshichii paanchii to’annoo yeroo ni qopheessa.

27. Washichii bu’uura ogeessii murteessuun hojjattootaaf dhaabbatichaan alatti qorannoo yaalii ni taasisa.

Keewwata 9: Mirgoota Waldaa Hojjataa

1. Wafhichii waldicha waa’ee haala hojii kamiyyuu falmii gamtaafi walta’iinsa gamtaa qaama tokko godhee fudhata.

2. Warshichii miseensa waldaa kamiyyuu irratti, waldaa gamtaan koree hojii adeemsisaa gocha seera qabeessaa keennu akka raawwatu ykn akka raawwachisu dhorkuunii hin malu. Akkasuumas waldicha oggansaan namoota tajaajilan warshichii walta’iina kanaan ala tarkaafii addaa irratti fudachuu hin danda’u.

3. Koreen hojii adeemsistuu waldichaa keessuummaa waldichaa bulchiinsaa warshichaa dursa barreeffamaan beeksisuun gara warshichaa qabatee seenuu ni danda’a.

4. Warshichii yeroo yerootti hojjattoota haaraa qaaraman ykn gaggeessaman yammuu jiraatan dursa garagalchaan waldichaaf ni beeksisa.

5. Waldichii ji’a ji’aan baayina miseensoota dabalaman ykn hirifaman fi hanga maallaqa miseensoota waldaa irraa muramee beekuu ni danda’a. sababa tokko tokkoon kanfaltii miseensummaa kan hin kanfalee yoo jiraatan maallaqa hin hirifamnee yeroo itti aanutti hirifamee waldichaaf galii ni ta’a.

6. Waldichii warshicha keessa gabatee beeksisaa qabu beeksisa itti maxxansuudhaaf ni fayyadama. Waldichii beeksisa kamiyyuu itti gaafatamummaadhaan maxxansuu ni danda’a. ta’us garagalcha beeksisa maxxanfamuu warshichaaf akka beekuu ni keenna.

7. Hojjattooni warshichaa waldaa gamtaa adda addaa hundeessuuf yeroo barbaadanitti tokkoon tokkoon isaanii eeyyamamuummaa dhaan tarreeffama tarreeffama maqaafi hanga maallaqaa gama xalayaa waldichaan yoo qaqqabee warshichii maallaqa jedhamee mindaa isaanii irraa hirisee waldichii dhaabbata ykn nama ajajeef ni kanfala.

8. Kanuuma bu’uura keewwata 3 keewwata xiqqaa 6 gama warshichaan maallaqinii busii hirifamee warshichii waldaaf ni kanfala. Waldichiis maallaqa miseensoota isaa irraa hirifamee sirrii ta’ufi ta’u baachu isaa mirga to’achuu qaba.

9. Hojjataan kamiyyuu eeyyama mataa isaan miseensummaa gadii lakkisuuf feedhee waldaa hojjataaf yoo iyyatee ykn waldichii miseensicha waldaa keessaa yoo baasee kanuuma barreeffamaan waldichii warshichaaf yoo beeksisee maallaqa busii miseensicha irraa muraa turee……….dhaaba.

10. Waldichii hojii dhimma waldaatiif fi kommii kan dhiyeessaniif irraa akkasuumas hiirmaannaa walga’ii yeroo taasisan waldichii barreeffamaan yoo gaafatee deeggarsa barbaachisu hunda mirga argachuu qaba.

11. Bu’uura seeraan hojii waldichaaf hojii idilee irraa isaa irraa sababa oggansa waldichaa filatamee kan ka’e faayidaa argachaa turee ni eegarnaaf.

12. Hojii raawwaehistuun waldichaa jratti yeroo tokko hojii waldichaa akka hojjaiami dhaabbatichii eeyyama ni kecnna.

13. Hojii raawwachistuu waldichaa kecssaa dura ta'aan waldichaa fi dursaan barreessaa jratti guyyaa lama hojii waldichaa akka hojjatanii dhaabbatichii eeyyama ni kecnna.

Keewwata 10: Dirqama waldaa Hojjattootaa

1. Sceroola danbiiwwani fi qajeelfamoota mootummaa akkasuumas naamuusa dafqaan bulaa kabajamuu isaa fi walta'iinsii gamtaa gama hojjataan beekamee seeraan qabajamee hojii irra oluu isaa mirkaneessuu.

2. Ycroon hojii kabajamee humna isaa guutuu fi dandeelti isaa hojii irra olchcc omlshinii haala itti guddaluu li itti ibyya'u ilaalchisee tarkaanfii dhaabbatichii fudhatu akka raawwii irra olu tattaafii taasisuu.

3. Misecnsoota waldaa hojjaltootaa ykn hojii warshichaa kan ilaallatu garaa waldaa hojjattootaan ykn hojii warshichaa bccksisa maxxansaman maxxanfamuu isaaniin dura bulehiinsa warshichaa duukaa dubbachuun maxxansuun ni danda'aama,

4. Kailaltiin ta'e al kalattiin bulehiinsa warshichaa mirga seera qabecssaa fi goeha kabaja xuqu ykn htrisu raawwachu baachu.

5. Hojjataa fi dhaabhaficha gidduutti vval dhabbii gochoota unman ykn daddagaagisan raawwachuu irraa of qusachuu fi koomiin yammuu ka'u dursa marii fi waka'iinsaan hikuudhaaf yaaluu.

Keewwata 11: Dirqama Waldaa Hojjattootaa

1. Hojjataan tokko yaalii irra akka turn yoo taasiflamee kanuuma kutaa ilaallaluuf guyyoota 2/lama/ kcessatti akka beeku ni taasisa. Ragaa yaalii qixa. qabecssaa yammuu dhiyeessu bu'uura Iabsii fi danbiin mindaan ni kanfalamaaf.

2. Sababa rakkiina mccshaan hojjataan hojii hojjatu yoo ballcesscc hojjataan balleessaa hanga bin qabaanneetti badichaaf hojjataa'ichichi itti gaafafamaa bin ta'u.

3. I iojjatlooni dubari gara hojii yammuu seenan fi ba'aan sakaatoota dubaraan qofa ni sakata'aamu.

4. Haala hojiin walitti dhufeen fayyaa fi nageenya isaa eegameefii hojii isaa raawwachuudhaa.

5. Leenjii fi baruumsa ilaallatee bu'uura Iabsii dhimma hojjataa fi hojjachiisaa 377/1996 fi warshichii danbii qabuun ni raawwatama.

6. Balleessaa hojjataan ykn. Maal na galeheetlhaan osoo bin taanee sababa hojjachu dhadhabuu meeshaan ykn hiriina meeshaa dheedhiin hojjataan osoo hin hojjannee yoo olee mindaa ni argata.

7. Seeraan walta’iinsa gamtaan ykn daanbii hojiin murtaa’en ykn ajaja mana murtiin ala yoo hin taanee ykn hojjatiichii barreeffamaan yoo walii galeenalatti hojjachiisaan mindaan ho…onataa irraa hirsuu ykn daadhaan qabu ykn wal dandeessisuu hin danda’u.

8. Seerootaafi qajeelfamoota mootummaan labsii dhimma hojjataafi hojjachiisaan waldaa hojjatootaan walta’iinsa gamtaa kana keessatti mirgootaafi haalawwan tarreeffamaan ibsaman hojjattoota warshichaaf hunda kan eegame ta’a.

9. Mindaa isa ilaallatu fi kanfaltii seera qabeessaa biros yeroo yerootti mirga argachu.

10. Hojjataan warshaa kamiyyuu gama waldaan ykn dhunfaa isaan koomii ykn falmii bu’uura labsii 377/1996 tiin mirga seera qabeessaa isaa kabachiifachuu ni danda’a.

11. Hojjattoon hojii wal fakkaatu hojjatan rakkiinii yeroo isaan mudatu itti gaaafatamaan kutaa itti amanee yammuu heeyyamu qofa dabaree isaanii wal jijjiiranii hojjachuu ni danda’u.

12. Hojjataan dhaabbii kamiyyuu of foyyeessuufi qajeelchuuf akka danda’aanii iddoo saaqa duwwaa argamutti ulaagaa madaallii yoo guutan dorgoomuuf mirga qabu.

13. Mindaan ka’uumsaa hojjataa haaraa qacaramuufi faayidaan hojjataafi hojjachiisaa gidduutti bu’uura waliigaltee hojii barbaadamuun ni ta’a.

14. Meeshaaleen hojiifi meeshaalee dheedhii yerootti dhiyaateefii hojii raawwachuudhaf.

15. Balaa kan ittiin of irraa ittisuufi Hucuuwwan hojii bu’uura walta’iinsa gamtaa kanaan yeroo murtaa’eetti argachuudha.

16. Guyyaa itti qacaramee, ji’a hanga mindaa, sadarkaa baruumsaa, gosoota ogummaa hordoofeefi muxxannoo hojii akkasuumas ragaalee seenaa jiru barbaachisoo ta’aan of eeggannoodhaan dosee dhunfaa keessatti akka eegamuuf.

17. Hojii irraa yammuu gaggeessamu waraqaa raga seera qabeessa ta’e argachuudhaa.

18. Walta’iinsa gamtaafi qajeelfamootaafi danbiiwwan haaraan yammuu bahaan seeraan hubatee fayyadamuudhaa.

19. Sammuu hojiin dhadhabee boqachiisee gara hojii kan itti deebi’u sagantaa boqqoonnaa waggaa argachuudhaa.

20. Hucuu dhunfaafi hojii isaa iddoo olkaawwatu argachuu

21. Yeroo hafaa nyaataafi hojii gidduu jirutti iddoo bashannanaa dhaabbaticha duukaa mari’achuudhaan mirga argachuu.

22. Hojjataan tokko maatii isaa keessatti niitii ykn dhirsa seeraa akkasuumas ijoollee haaraa dhalatan yeroo argatutti yerootti lubbuudhaan kan jiran galmeessisuu ni danda’a.

Keewwata 12: Dirqamamoota Hojjataa

1. Hojii isaa si’aayinaafi jabiinaan raawwachuu

2. Walta’iinsa gamtaafi ittiin bulmaata foyya’iinsa rashichaa haalaan kabajuufi seeraan raawwachu.

3. Faayidaa warshichaaf yammuu jedhamu ykn iddoo hojjataan itti hojjatu hojii jiru yoo xiqqaatee ykn yoo hiratee warshichii gahuumsa hojjataa madaaluun gahee hojii wal fakkaatuun hojjachiisuun nii danda’a. Ta’ees sababa ramadiin mindaan hojjataa’ichaa ykn sadarkaan hirachuu hin danda’u.

4. Haalii dirqamsiisaati darbamu hin dandeenye yoo moudateen ala dorsee osoo hin gaafannee …. Jiilirraa hafuu baachu. Ka’uumaafiis raga dhiyeessu qaba.

5. Daandi ofii isaafiis ta’e warshichaaf faayidaa garii aramsiisu yeroo mara of qajeelchuu.

6. Hojjataa’ichi tajaajila mataa isaaf akka itti fayyadamu meeshaalee, waan itti hojjatu, konkoolaattoota fi qabenyaalee biroo itti keenname seeraan qabufi kunuunsuu qaba.

7. Ofii isaafi waa’iloota hojii isaa irratti yknnamoota biroo irratti akkasuumas warshichaafi meeshaalee hojii irratti wantoota balaa fidan irraa of qusachuufi of eegu midhaan ykn balaan warshichaa ykn waa’iloota hojii isaa irratti yeroo mudatutti iddoo deeggarsii barbaadamee hundatti hojjachu.

8. Hojjattooni eeyyama mataa isaanin kakka’aanii jijjiiraa hojii hin taasisan.

9. Tokkuummaan hojiif wal deeggaru agarsisuu.

10. Hojjataan kamiyyuu itti gaafatamaa ilaalu irraa eeyyama barreeffamaa dursee osoo hin fudhannee qabeenya warshichaa ta’e kamiyyuu akkasumas Hucuu hojjatame ykn hin fudhannee qabeenya warshichaa ta’e kamiyyuu akkasumas Hucuu hojjatame ykn hin hojjatamnee dallaa warshichaa keessaa baasuu ykn sababa kamiyyuunuu tajaajila ofiif olchu hin danda’aan.

11. Hojjaaan maatiidha jedhuun nama biroo maatii hin taane galmeessisee yoo argamee tajaajila argachuu qabu hin argatu.

12. Waldaa warshichaafi hojjataan ykn warshichaafi hojjataa gidduu oduu sobaa waligalteen akka dhabamufi loola kaasuu ykn uumuu irraa akka ta’u jajjabeessu irraa cimiinaan of eegu qaba.

13. Sababa gahaa fi eeyyamaan alaa yeroo hojitti hojii isaanii irraa adda bahaanii iddoo gara iddoo daddeemuudhaan ofii isaaniif hojii hikanii kaneen biros hojii khiksiisuun akkasuumas dabaree isaaniin ala gara dallaa warshichaa seenuufi daddeemuu hin qabaatan.

14. Hojjataan warshichaa kamiyyuu hojii idilee isaa irra ta’e cisuu hin qabaatu.

15. Hojjataan kamiyyuu yeroo hojii isaa fayyadamuufi kabajuudhaan dursee ba’u ykn barfatee seenu hin qabaatu.

16. Hojjattoon eegumsaa guyyaas ta’e galgala idoofi sa’aa ramadamanitti kakka’umsaafi of eegannoon argamu qabu.

17. Hojjataan kamiyyuu labsii dhimma hojjataafi hojjachiisaan fi seeroota, danbiiwwaniifi qajeelfamoota mootummaan akkasuumas walta’iinsa gamtaa kanaan waliigaltee hojii kan ilaalatee dabalatee warshichaan hojii keennamu gahee hojii itti qacarameen ykn guutuun kabajee fudhachuu qaba.

18. Bu’aan hojii warshichaa akka dagaagu hojii isaa of eeggannoon raawwachufi waa’e sirna of eeggannoo fayyummaa, waa’ee sirna balaa ittisuu meeshaalee keennamaniif of eeggannoon eegee hojjachu qabaata.

19. Hojjataan kamiyyuu eeyyama gosa kamiyyuunu ykn dhukkuubbiidhaan ykn sababa seera qaeessaa kamiyyuun dursee gaafachuudhaan eeyyamameefi hojii idilee isaa irraa kan hafee yoo ta’e hojiif meeshaalee tajaajilan harka isaatti argaman akkasuumas hojii eegallii irratti arguu… gaafatamaa dhiyoo isaaf dabarsee keennu qaba.

20. Sadarkaafi faayidaan isaa eegamee garu faayidaafi guddiina warshichaaf yammuu jedhamu iddoo itti hojjatu ykn dabaree akka jijjiiramu yammuu gaafatamu heeyyamamuummaadhaan hawwachu, naamuusa kabajuu, ajaja daandii rogaan raawwachu koomiin yammuu jiraatu naamusaan gaafachu.

21. Hojjataan kamiyyuu gara dallaa warshichaa ymmuu seenu fi ba’u mataa isaaf ykn konkoolaataan qabatee sakata’aamu qaba.

22. Gochoota seeraan alaa kallattiin ta’e al kallattiin seera qabeessummaa bulchiinsa warshichaa hirisan ykn daangeessan ykn kabaja isaa kan xuqu raawwachu baachu.

23. Hojjataan kamiyyuu dhukkuubsattee kilinika deemee heeyyama dhukkuubbii yammuu fidu waraqaa eeyyamaa’icha itti gaafatamaa isaa dhiyoofi to’ataa yeroof dhiyeessu qaba.

24. Walta’iinsa gamtaa kana keessatti manneen yaalii caqasamaanin dabalata qoratameefi yaalamee yammu deebi’u raga Akimaa keennameef dhiyeessu qaba.

25. Hojjataan kamiyyuu Huffata hojiifi balaa akka ittiisuuf keennameef saanduuqa huffataa fi nyaata itti olkaawwachuuf keennameef of eegannoon qabu qaba.

Kutaa 3

Keewwata 13: Sirna qacarrii hojjataa haaraa

1. Hojjataa haaraan qacaramu kan danda’u sababbiiwan armaan gaditti mullataniidhaan.

1.1. Baba;’ina warshichaaf ykn guddina omishaaf human namaa ogummaa adda addaa gaafatu dabalataan qacaruun barbaachisaa ta’u warshichi yammu murteessu.

1.2. Hojiin qabamee turee gadii lakkifamee hojjattoota warshichaa keessaa hojjichaaf gahuumsa barbaachisoo hojjataan qabu yammu dhabamu.

1.3. Iddii hojii haaraan saaqamee hojjataan beekumsaafi ogummaa iddocha agugu hojjattoota warrshichaa keessaa yammu dhabamu.

1.4. Hojii (yeroo) murtaa’ee haalii hojjataan itti qacaramu yoo muudate.

1.5. Kanaan alatti haalii qacarri ta’e yammu muudatu bu’uura labsii dhimma hojjataafi hojjachiisaa 377/1996 fi qajeelfamoota mootummaan kan raawwataman ta’a.

Keewwata 14: Waa’ee hojjattoota Warshiicha Irraa gaggeeffaman Deebisanii Qacaru

1. Dursee Hojjataa hojii warshichaa irra ture hojjataa gaggeeffame deeisanii qacaruun kan danda’aamu bu’uura labsii dhimma hojjataafi hojjachiisaa 377/1996 ta’a.

1.1. Hojjataa warshaa kan turee ta’uu isaa fi sababbii itti ba’e osoo hin dhoksinee ifatti yoo dhiyeesse.

1.2. Bu’uura madaalii warshichii baasuun hojii warshichaaf gahuumsaafi dandeetti gahaa kan qabu ta’u isaa warshichii yammu mirkaneessu.

1.3. Yeroo dursa hojii warshichaa irra turanitti hojjataan hojii irraa gaggeeffamee barrii tajaajila isaa lakkaawamu kan eegalu akka haaraatti guyyaa qacaramee eegaleedha.

Keewwata 15: Haala Hundeeffama Waliigaltee hojii

1. Hojataan tokko hojii warshichaaff yammu qacaramu ykn ramadamu dhaabbata biroo irraa jijjiiiramee yammu dhufu

1.1. Hojjataa warshaa kan turee ta’uu isaafi sababbii itti ba’e osoo hin dhoksinee ifatti yoo dhiyeesse.

1.2. Bu’uura madaalii warshichii baasuun hojii warshichaaf gahuumsaafi dandeetti gahaa kan qabu ta’u isaa warshichii yammu mirkaneessu,

2. Yeroo dursa hojii warshichaa irra turanitti hojjataan hojii irraa gaggeeffamee barrii tajaajila isaa lakkaawamu kan eegalu akka haaraatti guyyaa qacaramee eegaleedha.

Keewwata 15: Haala Hundeeffama Waliigaltee Hojii

1. Hojjataan tokko hojii warshichaaf yammu qacaramu ykn ramadamu dhaabbata biroo irraa jijjiramee yammu dhufu,

1.1. Gaheenhojii hojjataa tarreeffama hojii waliin

1.2. Iddoo hojii isaa

1.3. Sadarkaa hojii

1.4. Kutaa hojii

1.5. Yeroo waliigalteen hojii itti cimu

1.6. Mindaa ykn beenyaa

1.7. Yeroo yaalii

1.8. Mirga, dirqamaafi faayidaa ilaalchisee xalayaa kanuuma ibsu ni keennama.

2. Labsii dhimma hojjataa fi hojjachiisaa 377/1996fi walta’iinsi gamtaa kana dabalatee qajeelfama mootummaan yeroo yeroon baasu fi gara fulduuraas baasu waliigaltee hojii duukaa akka kutaa tokkootti kan lakkaawamu ta’a.

3. Xalayaa qacarrii hojjataaf keennamu irratti kan ibsamu labsii hojjataafi hojjachiisaafi walta’iinsa gamtaan ala mirgaafi ffaayidaa hojjataa’chaaf keenname ykn dirqama kan hirisu yoo ta’e fudhatama hin qabu.

4. Bu’uura labsii dhimma hojjataafi hojjachiisaa 377/1996 tiin warshichii hojjataa yammu qacaru leenji’aa waliin bu’uura waliigaltee leenjii warshichaan kan raawwatamu ta’a.

Keewwata 16: Hojii gadi lakkisuufi waraqaa raga

1. Hojjataan tokko bu’uura walta’iinsa gamtaa kanaan waliigaltee yammu raawwatu ykn adda kutu waraqaa raga ni keennamaaf.

2. Waraqaan raga suuraa hojjataa kan qabu ta’e hojii hojjataa’ichi ogummaa hojjatu, bara tajaajilee, mindaa argatuufi sababbii hojii itti gadii lakkisee kan ibsu ta’u qaba.

3. Taaksii adddaa mootummaa kan kanfalee ta’u ibsu.

4. Lakk. Addaa sooramaafi kanfaltii addaa kan ibsu chaappaa waajjirichaa kan chaappeeffameefi itti gaafatamaan ol’aanaan warshichaa kan irratti mallatteesse ta’a.

5. Waraqaan raga kun hojjataadhaaf kan keennamu qabeenya ykn maallaqa harka isaa turee ykn warshichii kan irraa barbaadu kamiyyuu hunda dabarsee keennee guyyaa 5 keessatti ta’a.

Keewwata 17: Yeroo Yaalii

1. Yeroon yaalii hojjataan haaraa qacaramu kamiyyuu guyyoota walitti aanan 45 caalu hin qabaatu.

2. Hojjataan yeroo yaalii irra jiru hojichaaf gahuumsa hin qabu taanaan warshichii of eegganoofi beenyaa tokko malee gaggeessunii ni danda’a.

3. Hojjataan yaaliif qacaramee yeroo yaalii isaa xumuree dhaabbii yoo ta’e barrii tajaajila iisaa yeroo yaaliif qacaramee eegalee ta’a.

4. Hojjataa’ichi yeroon yaalii isaa eega xumuramee booda hojii isaa yoo itti fufee yaalii isaa duarbee bu’uura waliigaltee akka qacarameetti lakkaawwama.

5. Hojjataan yaalii irra jiru of eeggannoo malee hojii isaa gadii lakkisuu ni danda’a.

Keewwaa 18: Yeroo hojii

1. Hojataa wrshichaa kamiyyuu yeroon hojii idilee isaa guyyaatti sa’aa 8 torbeetti sa’aa 48 hin aalu.

2. Jijjiiraan dabaree kan taasifamu torbeetti guyyaa wixataa ta’a.

3. Yeroon bashannanaa, nyaataa haalii itti fudhatamu hojjataa kamiyyuufu akka yeroo hojitti kan lakkaawamu boqqoonaa, nyaataa haalii itti fudhatamu hojjataa kamiyyuufu akka yeroo hojitti kan lakkaawamu boqqoonnaa daqiqaa 30 ni keennamaaf.

4. Yeroon hojii olitti ibsamee ykn akka amala hojjichaan guyyaa boqqoonaa toree ykn guyyoon Ayyaanbaa hunda hojjattooni tajaajila armaan gadii keennan akka ramadamaniitti rojii isaanii irra ni olu.

4.1. Ogeessoota yaalii

4.2. Hojjattoota Eegumsaa

Keewwata 19: Hojii yeroo Hojii Darbaa

1. Wal ta’iinsa gamtaa kana keessatti yeroo hojii idilee caqasamee ol kan hojjatu marti hojii yeroo darbaa ta’a.

2. Hojii yeroo hojii darbaa kan hojjatamu ajaja ifaa hojjachiisaan keennuun qofa.

3. Hojjataan kamiyyuu hojii yeroo jojii darbaan akka hojjatu hin dirqisiffamu ta’us garu hojjachiisaan kallatti filannoo biro hin qabu jedhee yammu tilmaamufi;

a. Balaan yeroo qaqqabu ykn balaan kan qaqqabu ta’u yammu shakkisisuu

b. Haalii humnaa ol ta’e yammuu muudatu

c. Hojiin yeroo arifachiisaan hojjatamu yammu muudatu.

d. Hojjataa ada kutuu fi hojii walitti aanu irraa hojjattoota hafan bakka busuudhaaf hojjachiisaan hojii yeroo hojii darbaa hojjachiisu ni danda’a.

4. Hojii yeroo hojii darbaa aritiidhaan hojjatamu guyyaatti sa’a lama ji’atti 20 waggaatti 100 ol caalu hin qabu.

5. Haala kanfaltii hojii yeroojojii darbaa

5.1. Ganama sa’a 12:00 hanga galgala sa’a 4:00 hojii yeroo hojii darbaa hojii idileetiif sa’aatti kan kanfalamu mindaa isaa 1 ¼ baayateedha.

5.2. Galgala sa’a 4:00 hanga barii sa’aa 12:00 hojii yeroo hojii darbaa hojii idilee hojjatamuuf kan kanfalamu sa’aatti mindaa isaa 1 ½ baayatee.

5.3. Guyyaa boqqoonnaa torbeetti hojii yeroo hojii darbaa hojii idilee hojjatamuuf sa’aatti kan kanfalamu mindaan 2 baayatee.,

5.4. Ayyaana ummataan hojii yeroo hojii darbaa hojii idilee hojjatamuuf sa’aati kan kanfalamu mindaan 2 ½ baayatee,

5.5. Kanfaltiin yeroo hojii darbaa hojjatameef kanfalamu kan kanfalmau guyyaa kanfaltii mindaaf murtaa’edha.

Keewwata 20: Yeroo boqqoonaa torbee

1. Hojjataan kamiyyuu guyyoota torba keessatti yeroo boqqoonnaa adda adda hin cinnee sa’aa digdamii afurii gadii hin taanee ni argata.

2. Yeroon boqqoonaa torbee hanga danda’aameen

a. Guyyaa Sanbata guddaa irra ola.

b. Hojjattoota dhaabbatichaaf akka amala hojiin yeroon boqqoonnaa ni keennama.

3. Guyyaan boqqoonnaa torbee Asnbata guddaa akka olu taasisuuf yoo hin danda’aamnee iddoo isaa guyyaan biroo guyyaa boqqoonnaa torbee ta’u ni danda’a. kunis kan ta’u amala hojii ykn sababa teeknikaan kan ka’e addda cituuf ykn yeroo biroof yoo dabarfamee hojii rakkina ykn midhaa geessisu ta’e yoo argameedha.

4. Sababbiiwwan armaan gaditti argamaniin gocha idilee warshichaa haalawaan gufachisu maqisuudhaaf barbaachiisaa ta’e yoo argame qofa hojjataa’icha yeroo boqqoonnaa hojii isaa kamiyyuu akka hojjatu taasiuun ni danda’aama.

a. Haalii humana ol ta’e yammu mudatu

b. Hjiin aritiidhaan raawwatamu yammu muudatu

5. Hojjataa’ichi yeroon boqqoonnaa bakka bu’iinsaan keennamuf osoo hin fudhannee waliigalteen hojii yoo adda cite hanga hojjateen maallaqa bakka bu’iinsaa ni keeennamaaf.

Keewwata 21: Madaalii Raawwii Hjii Hojjataa’ichaa

1. Madaaliin raawwii hojii waggaa waggaadhaan yeroo lama ni guutama.

2. Gabaasnii madaallii raawwii hojii itti gaafatamaa hojii isa dhiyoo hojjataatiin guutamee itti gaafatamaa oliin qoratamee bulchiinsaaf ni eergama.

3. Gaaasnii raawwii hojii kooppii lamaan guutamee kooppiin tokkoffaa doosee dhunfaa hojjataa’ichaa keessa ni taa’a kooppii 2ffaan kutaa guddinaa, leenjii fi bulciinsa birootiif ni taa’a.

4. Madaalii raawwii hojiin 3.5 fi hojjataan isaa ol hin qabnee dorgoommii guddinaatiif dhiyaachuu hin danda’u.

5. Itti gaafatamummaa:-

5.1. Gabaasinii madaallii raawwii hojii of geeggannoofi sirriitti guutuu

5.2. Hojjataan kamiyyuu gabaasa haala raawwii hojii isaa ilaaleefi yaada irratti keennee akka mallatteessu taasisuu.

5.3. Gabaasa madaallii raawwii hojiin qabxii afur xuqaa shan/4.5/ oliifi qabvxii lama xuqaa shan /2.5/ gadii hojjataa argateef qabxiin kunumtii sababbii keennamuufii danda’ee tarreessuun ibsuudhaaf itti gaafatamummaa itti gaafatamaa gabaasa namadaallii raawwii hojii guuteedha.

5.4. Hojjattoon dhaabbatichaa guutuun sadarkaan akka keennamuf ykn dhaabbaticha keessatti sadarkaan hojii jiraachu qabaata.

Keewwata 22

1. Mindaafi Kffaltiiwwan Adda Addaa

1.1. Mindaan hojjattootaa akka waliigalaatti ji’atti A/L/ Ayroopaatti guyyaaa 28ffaatti ni kanfalama. Ta’us garu kun guyyaa boqqoonnaa torbee ykn Ayyaanaa irra kan olu yoo ta’e guyyaa hojii dursee olu akka kanfalamu ni godhama.

1.2. Mindaawan, kanfalamu kallattiidhaan hojjataadhaaf yammu ta’u sababbiiwwan adda addaan dhiyaatee fudhachuu yoo hin dandeenyee garuu barreeffamaan maatii isaa ykn hiriyyaa isaa warshicha keessatti hojjataa ta’e bakka busee waldichii mirkaneessee bulchiinsaaf yammu dabarsuf bakka bu’aa isaaf kanfaluufii ni danda’a.

1.3. Hojjataan tokko ji’a keessatti mindaa deebii ta’u tokko sadaffaa 1/3 mindaa isaa dursa ykn saalaari adivaayisii argachuu ni danda’a. haalii kanfaltii isaas kan raawwatamu jiinii seenee guyyaa saddeetaffatti ta’a. yeroo caqasameetti advaayisii kan hin fudhannee fi hojjata rakkiina tasaa isa muudatee haalii ilaalamee hanga guyyaa 15ffaa kanfalamuu ni danda’a.

1.4. Kanfalaa maallaqaatiif durgoo bakka bu’iinsaa keennamu ilaalchisee hanga maallaqaa irratti kan hundaa’u ta’a.

2. Kanfaltii jajjabessituu (Iseentiivii)

2.1. Warshichii karoora omishaaf barbaachiisaa ta’e yammu argatu akka barbaachisummaa isaatti gareedhaan ta’e qeenxeedhaan sirna kanfaltii jajjabeessituu qorachuudhaan ykn qorachisuudhaan kanfaltii raawwachu ni danda’a.

2.2. Warshichii tareee lakk. 2.1 jalatti kan caqasamee waldichaaf dursa akka beeku ni taasisa.

Keewwata 23: Haala kanfaltii durgoo

1. Hojjataan warshichaa kamiyyuu dhimma hojiin warshichii iddoo jiru ykn waajjira dameen magaala jiru kilo meetira 30 ala yeroo deemu durgoon olmaa ni kanfalamaaf. Warchichii gocha kanuumaaf tajaajila geejibaa dhiyeessu yoo hin dandeenye hojjataan bu’uura nagahee daandiifi geejibaa dhiyeesseen ni kanfalamaaf. Daangaan kilo meetira 30 garuu kanfaltii geejibaa irratti kan raawwatamu hin ta’u.

2. Kanfaltii durgoo guyyaa guyyaa dhibbantaan akka itti aanu ta’a. kunumtiis cireedhaaf dhibbantaan 10 (%10), Laaqanaa dhibbantaan digdamii shan (%25), Irbaataa dhibbantaan digdamii shan (%25) ta’e kanfaltiin durgoo guyyaa haala itti aanu ta’a. Mindaan isaanii;

- 600 hanga 900 kan ta’aaniif guyyaatti qarshii 150.00/dhibba tokkoo fi shantama/

- 901 hanga 900 kan ta’aaniif guyyaatti qarshii 160.00 /dhibba tokkoofi jahaatama/

- 1201 hanga 1201 kan ta’aaniif guyyaatti qarshii 170.00 /dhibba tokkoo fi torbaatama/

- 1401 hanga 1401 kan ta’aaniif guyyaatti qarshii 180.00 /dhibba tokkoofi saddetama/

- 1601 ol kan ta’aaniif guyyaatti qrshii 200.00 /dhibba lama/

Kewwata 24: Haala keennaa Guddiina Sadarkaa fi Mindaa

1. Gudddiina sadarkaa jechuun bu’uura walta’iinsa gamtaan gahee hojii gadii aanaa irraa gara gahee hojii ol’aanaa ramaddii godhamuudha.

2. Guddiinii sadarkaa kan keennamu hojjataan dursa turee gahee hojii irraa guddiinaan jijjiiraadhaan ykn sababa biroon yammu gargar ba’u gahee hojjiiwwanii saaqaa uumaman hojjattoota dhaabbii warshicha keessa jiran keessaa wal dorgoomsisuun guutuu dhaafiidha.

3. Gaheen hojii saaqaan akka guutamu yammu eeyyamamu fayyadamaadhaan gaheen hojii sadarkaa baruumsaa barbaadu, muxxannoo hojiifi ragaalee barbaachisoo ta’aan biroo ni ba’a.

4. Tarree lakk … irratti akka caqasamee beeksisaan iddoo hojii duwaan ba’ee hojjattoota wanta barbaachisu guutuun dhiyaatan akka barbaachisummaa isaatti qormaata bareeffamaa, gochaa ykn afaanii ykn sadanuu keennameefii kaadhimamtoota gidduudhaa qabxii waliigalaan hojichaaf ni sima jedhamee hojjataan itti amanamee gudinicha argachu danda’a.

5. Dorgoomii calala guddina sadarkaa xumuramee hojii adeemsisaa mummee warshichaan guyyaa mirkanaa’e eegalee hanga guyyaa kudha shaniitti dorgomtootaaf iffatti ni ibsama.

6. Hojjataan tokko gahee hojii guddinaan irratti ramadamee irratti yoo xiqqaatee ji’oota kudha lamaaf osoo hin tajaajilee iddoo guddiinaa birootiif dorgomuu hin danda’u.

7. Dhimmii guddiina hojjataa yeroo ilaalamutti waldichii miseensummaan ni argama.

Keewwata 25: Haala Mirgi Sooramaa Itti Eegamu

1. Hojjataan kamiyyuu bu’uura labsiileen sooramaa ibsaniin mirgi soorama isaa ni eegama.

2. Hojjataan warshichaa soramaan aggeeffamuudhaaf waggaan tokko yammu isa hafu warshichii hojjataa’ichaaf ni beeksisa ykn of eeggannoo ni keenna.

3. Hojjataa’ichii soramaan akka gaggeeffamu of eegghannoon yammu isa qaqqabu kooppiinof eeggannoo waldaa hojjattootaaf akka qaqqabu ni taasiffama. Dabtarii sorama itti fudhatus yerootti akka argatu warshichii fi waldaa hojjataa tattaafii ni taasisu.

Keewwata 26: Kanfaltii Gaggeeffama Hojii Beenyaa Tajaajilaa

KanfaltiiGaggeeffama Hojii

1.1. Hanfaltiin gaggeeffama hojii kan fudhatamu bu’uura labsii dhimma hojjataa fi hojjachiisaa 377/1996 fi walta’iinsa gamtaa kanaan qofas.

1.2. Hojjataan dhaabbii warshichaa yammuu gaggeeeffamu

1.3. Gaafiin hojii irraa gaggeeffamu hojjataa’chaan yoo dhiyaate fi amallii hojjataa’ichaa wal harkaa fudhinsa kan barbaachisuun yoo ta’e yeroon wal harkaa fudhinsaa ni keennama. Yeroo wal harkaa fudhinsaatti yeroo tureef mindaan ni kanfalama.

1.4. Hojjataa’ichi eeyyama mataa isaan gadi lakkisuuf gaafii dhiyeessee yeroo wal harkaa fudhinsaa gaafachu yoo hin barbaanneefi sababa hojii gadi lakkisu hojjataan hojiin warshichaa kan hn midhamnee ta’u wrshichi yoo itti amanee qabeenya harka isaatti argamu irraa fudhee hojjataa’cha battalumatti gaggeessu ni danda’a. kanfaltiin beenyaa tajaajilaaf boqqoonnaa waggaa itti hin fayyadamne qarshitti jijjiiramee hojjataan warshicha keessatti yeroo itti hojjatee qabeenya hirisee fi anqiseef, dabalatee liqaawwan adda addaa hirifamee guyyoota shan keessatti kanfalamuufii mala.

2. Haala Waliigalteen Hojii Adda Itti Citu

Waliigalteen hojii kamiyyuu bu’uura labsii dhimma hojjataafi hojjahiisaa 377/1996fi sababa walta’iinsa gamtaa kanaan caqasamaniinb kan adda citu yammu ta’u kan itti aanan ni dabalata;

2.1. Garee waliigaltee taasistoonni lamaan waliigaltee adda kutuf yoo waliigalan

2.2. Hojjataan sababa dhukkuubbii hojii waliin walitti dhufeenya hin qabnee guyyaa isa ji’a 6 /ja’a/ yeroo caaluuf yammu adda kutu.

2.3. Hojjataan yoo du’ee

2.4. Dhaabbatichi kisaaruu isaan ykn sababa biraan hojii hanga dhumaatti yoo cufu.

2.5. Sababa laafiina hojii dhaabbatichaan hojjataa dhaabbata jijjiiruun osoo hin danda’aamnee hafee hirisuun hojii akka ba’aan yoo ta’u.

2.6. Bu’uura walta’iinsa gamtaan hojjataan hojjataa’ichi balleessaa hojuii irraa gaggeessisu yoo raawwate.

2.7. Hojjataan hojii galakkisu yoo barbaade

2.8. Hojjataan soramaan yammu gaggeeffamu

2.9. Hojjataa’ichi hojii itti ramadamee raawwachuf dandeettin isaa hiratee yoo argamee ykn dandeetti hojii isaa foyyeessuuf carraa baruumsa hojjachiisaan qopheesse sababa hin fudhanneef hojii hojjachaa turee fudhachuuf dandeetti hojii kan hin qabnee ta’e yoo argame ykn baruumsii eega keennameefii booda dandeetti hojii haaraa barbaachisu baruuf kan hin dandeenye yoo ta’e.

2.10. Hojjataan sababa rakkina fayyaa isaan ykn midhaa qaamaan dirqama hojii waliigalteedhaan irratti gatamee itti fufinsaan raawwachuu kan hin dandeenye ta’e yoo argame.

2.11. Gaheen hojii hojjataa’ichi qabate sababa gahaadhaan yoo haqameefi hojjataa gara gahee hojii iroo naanneessuu kan hin danda’aamnee yoo ta’e.

3. Haala kanfaltii Beenyaa Tajaajilaa

3.1. Waggaa tokko kan tajaajilee mindaa ji’a tokkoo waggaa tokkoo gadii kan tajaajilee yeroo yaalii isaa hojjataan xumuree garu yeroo tajaajileetti madaalamee kanfaltii hanga wal madaalu ni argata.

3.2. Waggaa tokkoo ol kan tajaajile bara dabalataa tokkoon tokkooniif mindaa isaa tokko sadaffaa 1/3 itti dabalamaafii ni kanfalama. Ta’us yeroo kamittuu kanfaltiin beenyaa tajaajilaa kanfaltii mindaa waggaa tokko hojjataan argatu ol caalu hin qabaatu.

Keewwata 27: Yeroo faayidaa kamiyyuu itti Gaafatamu

1. Mindaa ykn kanfaliin kamiyyuu yeroo gaafatamu qabu eegalee hanga ji’aa/ gahitti yoo hin gaafatamnee bu’uura labsii dhimma hojjataa fi hojjachiisaan darbiinsa yeroon hafaa ta’a.

Keewwata 28: Durgoo Geejibaa

1. Dhaabbatichi hojjattootaaf durgoo geejibaa ni kanfala. Durgoon hojjataan tokkoon tokkooni kanfalamu akka hanga iskeelii mindaa ji’aan kanfalamufiin ta’e inni gadii aanaan qarshii 200 ol’aanaan immoo qarshii 950 ta’a.

2. Hojjataan yeroo yaalii isaa xumuree kamiyyuu durgoon geejibaa ni kanfalamaafi

3. Hojjataan yeroo hojii irratti hin argamnee durgoon geejibaa hin kanfalamu.

Kutaa 5: Haala keenna Eeyyama Boqqoinnaa

Keewwata 29: Eeyyama Adda Addaa

1. Eeyyama boqqoonnaa waggaa

1.1. Hojjataan tokko yeroo boqqoonnaa waggaa isaa fudhatutti yeroo boqqoonnaa daalatee kan hojjatee mindaa argachu malu dursee argachuu qaba

1.2. Hojjataan waggaa tokko tajaajilee guyyaa hojii kudha afur /14/ eeyyama waggaa ni argata.

1.3. Hojjataan waggaa tokko ol tajaajilee lakk. Xiqqaa 1.2 guyyaa caqasamee ol bara dabalataa tajaajilee tokkoon tokkooni isaaf guyaya hojii tokko/1/ dabalataan itti dabalamaa eeyyama waggaa isaa ni argata.

1.4. Hojjataan tokko yeroon itti tajaajilee waggaa tokkoo gadi yoo ta’e yeroo yaalii isaa yoo xumuree hanga yeroo tajaajila isaan boqqoonnaa wa madaalu baruuma tajaajilee sanaan ni keennamaafi.

1.5. Eeyyama waggaa irratti hojjataan argamu mindaa kanfalamuuf hojii irra osoo ta’e hanga aragachu qaba tureen qixa ta’a.

1.6. Yeroo eeyyama waggaa fudhachuudhaaf isa dandeessisu murteessuudhaaf yammu jedhamu dhaabbaticha keessatti guyyaa 26 hojjataan hojjatee akka ji’a tokko hojjateetti ni lakkaawwama.

1.7. Bu’uura labsii kanaan hojjataan waliigalteen hojii adda cite eeyyamni waggaa hin fudhannee heereegamee qarshiin ni keennamaafi.

1.8. Waa’ee eeyyama waggaa adda hiruufi daddabarsuu

1.8.1. Hojjataa’ichi eeyyamnii waggaa adda adda hiramee akka keennamuf yoo gaafatufi hojjachiisaan yammuu waliigalu iddoo lamatti adda qoodamee keennamuufii ni danda’a. akkasuumas hojjataan akka tasaa rakkiini yoo isa muudatee kutaan isaa hojiin akka hin midhamnee yoo itti aamanee guyyaan eeyyama waggaa irraa hirifamee eeyyamamuufii ni danda’a.

1.8.2. Hojjataa’ichi eeyyamnii waggaa yammuu gaafatu fi hojjachiisaan yoo irratti waliigalee darbu ni danda’a.

1.8.3. Hojjachiisaan haalii hojii yoo isa dirqisisee yeroo eeyyama hojjataa’ichaa dabarsuufii ni danda’a.

1.8.4. Eeyyammii waggaa dabarfamee waggaa lamaa itti aananii ol dheerachuu hin danda’u.

1.9. Haala keenna eeyyamaa

1.9.1. Hojjataan tokko bara tajaajila waggaa tokko booda eeyyamnii bara tajaajila waggaa jalqabaa isa boodas waggaa tokkoon walitti aananii eeyyama waggaa ni argata.

1.9.2. Warshichii bu’uura sagantaa filannoo eeyyama waggaa baasuun waggaa tokkoon tokkoonii eeyyama waggaa argatu hojjataa’ichaa ni keennama.

1.9.3. Sagantaa ba’u

a. Eedha hojjataa tokkoo tokkoon

b. Warshichii hojii’cha haala barameef akka hojjatamu taasisuudhaaf barbaachisaa ta’u isaa hanga danda’amee hubachuudhaan ni ta’a.

c. Hojjataan tokko eeyyama waggaa argachu malu fudhatee boqqoonnaa irra osoo jiru yoo dhukkuubsate ykn hojjattoota dubaraa eeyyamnii da’iinsaa yoo keenname, eeyyamnii boqqoonnaa waggaa ykn eeyyamnii da’iisaa hangasuma ni dheerata.

1.9.4. Waa’ee hojjataa eeyyama irra jiru waamuu

1.9.4.1. Hogataa eeyyama irra jiru waamuudhaaf kan dandaamu sababbii dursanii beekmu hin danda’aamneen hojii isaa irratti argamu kan qabaatu yoo ta’e.

1.9.4.2. Hojjataan eeyyama irraa yammu waamamuu yeroon deemicha daandiin qisaasee osoo hin lkkaawamnee eeyyamnii waggaa hafee maallaqaan heereegamee kanfalamuufii ni danda’a,

1.9.4.3. Sababa hojjataa’ichi eeyyama ba’een malaammiltaa’u irra ga’ee baasii durgoo olmaa warshichii ni danda’a.

2. Eeyyama Da’iinsaa

2.1. Dubarii ulfa taatee kamiyyuu ulfa isheetiin wal qabatee qorannoo taasisuudhaaf bu’uura ogeessi yaalaa ajajuun eeyyamnii mindaan itti kanfalamu ni keennamaafi. Ta’ees waraqaa raga yaalii hojjachiisaadhaaf dhiyeessu qabdi.

2.2. Hojjattuun ulfa taatee itti ni da’a jettee guyyaa tilmaamtee dura da’iinsii ishee yammuu ga’u eeyyama da’iinsaa walitti aanan guyyaa 30 akkasuumas yoo deessee guyyaa deessee eegalee guyyaa 60/jahaatama/ walitti aanan eeyyama da’iinsaa kanfaltii guutuu waliin ni keennamaafi. Haa ta’u malee hojjattuun da’uu isheen dura eeyyamnii guyyaa 30 fudhattee yoo xuumuurameefi hin deenyee hanga guyyaa itti deessu ogeessii yaalaa akka boqattu yoo ajajee kanfaltii waliin boqqoonnaan ni keennama.

2.3. Haala kanfaltii mindaa da’iinsaa

a. Da’iinsa isheen dura eeyyamnii boqqoonnaa guyyaa 30 keennamu mindaa waliin ni ta’a.

b. Eega deessee booda eeyyamnii boqqoonnaa guyyaa 60 keennamu guyyaa itti eegalu bakka bu’aa isheen kankanfalamu ni ta’a.

2.4. Hojjattuun ulfa taate sababa ulfa isheen ykn eega deesse booda hanga ji’a jahaa hojiin hojjattu yeroof akka salphatuuf ykn akka jijjiiramuuf ogeessii yaalaa yoo ajajee hojii fayyaa isheef gaarii ta’e kan biro ni keennamaafi.

2.5. Walta’iinsa gamtaa kanaan mirgoota caqasaman argachuudhaaf akka dandeessisu hojjataa dubartoon warshichaa battalumaatti warshichaaf waraqaa qulquullinaa galmeessisu qabu.

2.6. Hojjattuun ogeessa yaalaatiin ulfa ta’u ishee mirkanaa’e galgala sa’aa 4/afur/ booda hojjachu hin dandeessu. Dabalataan hojii yeroo hojii darbaa akka hojjattu dirqama hin qabdu.

2.7. Hojjattuu da’iinsii ishee dhiyaate yerooirratti hojjattoon ba’uu isaanii dursa daqiqaa 10 dursitee akka baatu ni eeyyamamaafi.

2.8. Hojjattuun kan ulfooftee ulfii feedha isheen osoo hin taanee sababa biroon yoo harkaa ba’e bu’uura raga eeyyama ogeessa yaalii irraa keennameefiin mindaa waliin ni keennamaafi.

2.9. Hojjattuun ulfa taate deessee ilmii ishee dhukkuubsatee Hospiitaala yoo ciseefi hojjattuun akka yaalchistuu ogeessi yaalii yoo eeyyamee eeyyama mindaan itti hin eereegamnee ni keennamaaf.

2.10. Hojjattuun ulfa taatee hojii irra osoo jirtuu sababa balaa qaqqabeen bu’uura raga ogeessii yaalaa keennuun mindaa guutuu eeyyama duukanu keenamaaf.

3. Eeyyama gaa’ilaa.

3.1. Yeroo yaalii isaa xumuuree gaa’ila seeraa kan raawwatuuf yerroo tokkoof qofa mindaan kan itti kanfalamu eeyyamnii guyyaa sadii/3/ ni keennama.

3.2. Hojataan warshichaa dhira ta’e dubara ilma yammuu fuusisan/heerumsisan eeyyamnii bilisaa ni keennama.

3.3. Tarree lakk. 3.1. hanga 3.3. eeyyama caqasameef hojjataa’ichi yoo xiqqaate guyyaa 5 dura itti gaafatamaa kutaa isaaf beeksisuu qaba.

4. Eeyyama Gaddaa

1. Hojjataa’ichii

a. Hiriyaa gaa’ilaa, kan da’aan, dhalataa ykn hanga firii dhigaa ykn gaa’ilaa hanga sadarkaa 2ffaa lakkaawwamu yoo du’ee, guyyaa hojii sadii kanfaltii duukaa eeyyamnii ni keennamaaf.

b. Akkasuumas mana jireenya hojjataa keessatti namnii du’ee Reefii manaa yoo ba’ee kanfaltii duukaa mindaan guyyaa tokkoo ni keennama.

2. Haalii addaafi yaaddeechaan yoo muudatee dursee barreeffamaa yoo gaafateefi yoo eeyyamameefi hanga guyyaa hojii walitti aanan shan eeyyama argachun mirga.

3. Ol tarree lakk. 1 gadii caqasamee yoo irra qaqqabee hojjataa’ichi itti gaafatamaa kutaa hojii isaaf mataa isaan ykn eergaadhaan dursee beeksisee deemufi iddoo deemee irraas raga gahaa dhiyeessu qaba. Gahuumsii ragichaa kan mirkanaa’u bulchiinsa warshichaadhaan.

4. Tarree lakk. 1 a. hangii yeroon eeyyamaa keenname akka jirutti ta’e hojjataa’ichi idddoon deemee deebi’u fagoo yoo ta’e kilo meetira 250 ala yoo ta’e eeyyama waggaa isaa irraa kan heereegamu eeyyamnii waggaa guyyaa 5 ni keennamaaf.

5. Eeyyama Dhukkuubbii

Hojjataa yeroo yaalii isaa xumuree kamiyyuufuu midhaa hojii irratti qaqqabuuf osoo hin taanee dhukkuubbii biroon eeyyamnii waggaatti keennamuuf akka itti aanu ta’a.

5.1. Ji’a tokko mindaa guutuun kan itti kanfalamu.

5.2. Ji’a lama mindaa gamsinii kan itti kanfalamu.

5.3. Ji’a sadii eeyyama mindaan itti hin kanfalamnee ni keennama.

5.4. Hojjataa’ichi sababa dhukkuubbiin hojjachu akka hin dandeenye ogeessa yaalaan yoo mirkanaa’e hojjataa’ichi mirgi qabu eegameefi hojii irraa ni gaggeeffama.

5.5. Eeyyamnii dhukkuubbii kun akka eeyyama boqqoonnaa waggaa seera qabeessa ta’eetti lakkaawamee bara biroof hin darbu. Maallaqaanis hinjijjiiramu.

6. Eeyyama hojii waldaatiif keennamu

6.1. Baayee arifachiisaa yoo hin taanee ala waldichaaf hojii adeemsiisaan koreen fi miseensoonni waldichii sa’aa digdamii afurii/24/ dura barreeffamaan yoo gaafatu warshichii akka barbaachisummaa isaatti mindaa waliin eeyyama ni keenna. Dabalataan falmii hojii dhiyeessuudhaaf walta’iinsa gamtaa irratti mari’achuuf walga’ii waldaa irratti argamuudhaaf, seemeenaarootaafi walga’ii irratti hirmaachuudhaaf akka danda’u kanfaltii isaa waliin eeyyama ni keennama.

6.2. Miseensoonii koree waldichaa yeroo adda addaatti waldaalee biroofakkaattoota ta’aan waa… guddinaa akkasuumas wal jijjiiraa muxxannoo hojjataadhaaf fayyaduu fi walitti dhufeenya tokko tokko taasisanitti ykn taasisu barbaadanii warshicha irraa deeggarsa yeroo gaafatanitti warshichii deeggarsa eeyyamaa ni taasisa.

7. Eeyyama gocha addaa raawwachuudhaaf keennamu

7.1. Hojjataan tokko falmii hojii dhageessisuudhaaf ykn seera dhimma hojjataa fi hojjachiisaa raawwachisuudhaaf qaamoolee taayitaa qaban biratti dhimmicha dhageessisuudhaaf yammu dhiyaatu kaayoo kanaaf yeroo balleesseef qofa kanfaltii waliin eeyyamnii ni keennama.

7.2. Hojjataan tokko mirga haariiroo haawwaasaa yammu kabachiifatu ykn dirqama haariroo haawaasummaa yoo raawwatu kaayoo kanaaf yeroo balleesseef qofa kanafaltii waliin eeyyamnii ni keennama. Eeyyamoota armaan olitti caqasaman fudhachuudhaaf dursa hojjachiisaa eeyyamsisuu fi raga dhiyeessu qaba.

Keewwata 30: Ayyaanaa Uummataa

1. Ayyaanni uummataa mootuummaan beekaman hundii Ayyaana. Adeemsa hojii omishtummaa warshichaa eegudhaaf yammu jedhamu guyyaa Ayyaanni uummataa irra olan barbaachisaa ta’e yoo argameefi bulchiinsaanis yoo ajajamee hojjataa’ichii dirqama hojjachu qaba. Kanfaltiin isaa bu’uura labsii dhimma hojjataafi hojjachiisaa lakk. 377/1996 tiin ta’a.

Keewwata 31: Yaalii

1. Deeggarsa yalii sadarkaa duraa kan keennu kilinika dhaabbatichi ni hundeessa.

2. Dhaabbatichi Ambuulaansii ykn konkoolaataa ni ramada.

3. Giddu gala yaalii mootummaatti baasii yaalii ba’uuf %50 (dhibbantaan shantama) ni aguga ykn ni kanfala.

Keewwata 32: Deeggarsa Sirna Awwaalaatiif Godhamu

1. Hojjataan warshichaa tokko yoo du’u warshitti itti aanun kan tarreeffaman ni dhiyeessa.

1.1. Warshichii saanduuqa reeffaa warshicha keessatti qophaa’u fi Hucuu meetira 5 ni keenna.

1.2. Hojjataa warshichaa ta’e addunyaa kana irraa du’aan gargar yoo ba’u qarshii 2,000.00 /kuma lama/ bu’uura mirkaneessa waldichii keennun sirna awwaalchaa itti raawwachisuudhaaf maatii isaaf ni keennama.

1.3. Sababa hojii warshichaan ykn yaaliidhaaf gara kutaa biyyaa biroo deemee achuumatti addunyaa kana irraa du’aan adda ba’e warshichii du’aan gara kutaa biyyaa jiraatutti ykn gara itti awwaalamutti ni geessa.

1.4. Armaan olitti taree lakk. 1.1. 1.2 tajaajiloota tarreeffaman dhiyeessoo yeroo hin danda’aamneetti balaan du’aan kan qaqqabee magaala hojjataan itti hojjatu ala yoo ta’e baasii isaa warshichii maallaqa baasii sirna awwaalchaa raawwachuf ba’uun wal madaalu ni kanfala.

1.5. Yeroo sirn awwaalchaa itti raawwatamutti lakkoofsii isaanii namoota digdamaa hojjattoota hin caalee iddoo hojii irraa gara iddoo sirna awwaalchaa gara gaddaa isa booda gara iddoo hoji konkoolaataa geejibaa tokko geessu ni ramada.

1.6. Hojjataan tokko addunyaa kana irraa du’aan gargar yoo ba’e reefii isaa warshichii geejiba jiruun daandiin itti geejibu konkoolaataadhaaf hanga mijataa ta’eetti gara iddoo sirnii awwaalchaa raawwatamutti geessuudhaaf ni deeggara.

Keewwata 33: Wabii balaa/Inshuuraansii/

1. Midhaa ykn dhukkubbii hojii waliin wal qabate yaalii keennamu

1.1. Balaa ykn midhaa hojii irratti qaqqaee haala hojii waliin walitti qabatee dhukkuubbii gahu hundaaf bu’uura waliigaltee Inshuuraansiifi labsii dhimma hojjataa fi hojjachiisaa 377/1996 tiin warshichii ni raawwata.

1.2. Hojjataa’ichi hojii idilee isaa irra ta’u baatus ajaja itti gaafatamtootaatiin yeroo hojii warshichaa raawwatutti balaa isa irra qaqqabuuf warshichii bu’uura waliigaltee inshuuraansiitiin ni raawwata.

1.3. Hojjataan tokko balaa ykn midhaa hojii waliin wal qabatee irra qaqqabee Hospiitaala yoo ciseefi kutaa hojjataa’ichi hojjatu keessatti dorgoomiin guddinaa yoo jiraate hojjataa’ichi dorgoomiidhaaf yoo argamu hin dandeenye ta’e argamee dorgoomiin guddinaa hanga ji’a lamaa akka turu ni taasiffama. Ta’ees yeroo kana keessatti haalii rakkiina hordoofsisuu yoo muudatee warshichii ni murteessa.

1.4. Hojjataa’ichi hojjii irra osoo jiruu balaa hojii irratti isa irra qaqqabu kamiyyuufuu wabii iushuuraansii ni qaba.

1.5. Hojjataan tokko gocha hojii isaa raawwatee eega ba’ee booda gara manaa deebi’uudhaaf sa’aa tokkoof ykn gochicha raawwachuudhaa gara hojii isaa seenuu dura sa’aa tokkoof hojii irra akka jirutti lakkawamee yeroo kana keessatti balaa isa muudatuuf wabii inshuuraansii ni qabaata. Kunumtiis dhimma hojii warshichaaf mana isaaniitii waamamanii hojjattoota dhufaniif dabalatee ni hammata.

1.6. Hojjataan warshaa took sababa hojii isaan balaan yoo irra qaqqabee yaaliin barbaachisu godhameefii hanga dhumaatti fayyuu ykn hojii isaaf gahuumsa qabaachuu baachuun Boordiin ogeessoota yaalii yoo mirkaneessan kan isaaf malu mara kanfalameefii hojii irraa ni gaggeeffama.

1.7. Hojjataa’ichi hojii isaa irratti balaa irra qaqqabuun ykn haala hojii waliin wal qabateen anqiina qaamaa isa muudatuuf kanfaltiin isaa bu’uura waliigaltee inshuuraansiin ta’a.

1.8.Warshichii dhaabbata Inshuuraansii waliin walta’iinsii taasisuu haaroommsa waliigaltee waggaa waggaadhaan taasisuun kooppii tokko waldaa hojjattootaatiif yerootti akka qaqqabu ni taasisa.

1.9. Hojjataan wabii inshuuraansii halaa hojiirraa qabu hundii hojiidhaa gara manaa manaa gara hojii yoo deemu balaa irra qaqabee sa’aa 24/.digdamii afur/ keessatti bufata poolisii irraa ykn kilinika warshichaatti galmeessisuufi raga ga’aa dhiyeessu qaba. Hojjataan midhaan irra ga’ee gabaasa taasisuuf yoo hin dandeenye maatiin isaa ykn namnii kamiyyuu haala midhaa argee yeroo daangeeffamee keessatti warshichatti iyyachu qaba. Midhaan yeroo murtaa’eetti warshichaaf hin ibsamnee fudhatama hin qabu.

1.10. Hojjataan hojii irratti midhaan irra qabqqabee sa’aa 24 keessatti itti gaafatamaa dhiyoo isaa beeksisuu qaba. Itti gaafatamaan dhiyoo isaas guca balaa barbaachisoo ta’e guutee bulchiinsaaf ni dabarsa. Hojjataanis yalii barbaachisoof gara Kilinikaa ni eerga.

1.11. Hojjjataan midhaan irra qaqqabee ta’e jedhee midhaa ofii isaa irraa qqaqqabsisee hojjachiisaan itti gaafatamummaa hin fudhatu. Keessattu sababbiiwan gocha itti aananiin midhaan dhufu hojjataan ofii isaa irra ta’e jedhee midhaa geessisee jedhamanii lakkaawwamu.

a. Qajeelfama hojjachiisaadhaan ifatti dursee of eeggannoodhaaf keennameef darbuun ykn danbiiwwan balaa ittiisuu darbuu.

b. Qaama isaa ykn sammuu isaa haala barbaachisuun haala hin dandeenyeen hangaa ol ykn qoricha sammuu adoochaniin macaa’ee hojii irratti argamu.

1.12. Walta’iinsa gamtaa ikanaan inshuuraansii ilaalchisee dhimmii hin caqasamnee yoo jiraate bu’uura labsii dhimma hojjataafi hojjachiisaa lakk. 377/1996 fi danbiiwwani fi tumaalee gara fulduuraa ba’aanin ni raawwatama.

Keewwata 34: Liqaa Maallaqaa Hojjataaf Keennamu

1. Warshiaan rakkiina hojjattoota dhaabbiitiif tajaajila liqaa ni keenna.

1.2. Hojjataan warshichaa waggaa tokkoo ol tajaajila qabu mindaa isaa ji’a tokkoo liqeeffachuuni danda’a. hojjataan maallaqa liqeeffatuuf hojjataa warshichaa keessaa wabii ni dhiyeessa. Ta’ees hojjataan of eeggannoo dhumaa irra jiru liqaa hin argatu. Wabii ta’uu hin danda’u.

1.3. Hojjataan warshichaa tarree lakk. 1.2 maallaqa caqasamee eega liqeeffatee mindaa ji’a tokkoo kan liqeeffatee ji’a 6 keessatti kanfalee ni xumuura. Liqaa liqeeffatee osoo hin xumuuree liqaa dabalataa gaafachu hin danda’u.

1.4. Liqaan kan keennamu hojii adeemsiisaa warshichaan ykn itti gaafatamaa ilaalun yoo mirkanaa’u ta’a.

1.5. Mindaan liqeeffataa fi wabii kan wal madaaluufi walitti dhiiyaatu ta’u qaba.

1.6. Hojjataan tokko wabii ta’u kan dana’u yeroo tokkoofi hojjataa tokkoof qofaadha.

1.7. Hojjataan tokko maallaqa liqeeffatee kanfalee osoo hin xumuree hojii isaa yoo gadii lakkisee ykn adduunyaa kana irraa du’aan gargar yoo ba’ee kanfaltii seeraa beenyaa midhaa argatu irraa idaan hafee ni hirifama. Ta’ees kanfaltichi idea kan hin agugnee yoo ta’e kan hafee wabiin ni kanfala.

Keewwata 35: Baasii baruumsaa

1. Sadarkaa baruumsaa kamiyyuu irratti hojjataan yeroo hojii boodaa isaa mirga barachuu qaba.

2. Dhaabbatichii yoo barbaadee hojjataa icha haala raawwii hojiin dorgoomsisee biyya keessattis ta’e biyyaa alatti eergee baasii isaa danda’uun barsisuu ni danda’a.

3. Ragaan barnootaa hojjataan dhiyeessu doesee dhunfaa waliin walqabatee ni taa’a. Dorgoomiin yoo jiraatu hojjataa kamiyuu dorgoomuun alatti guddiin ykn daballii mindaa gaafachuu hin danda’u.

4. Warshichii jijjiiraan barbaachiisaa ta’e hojjataa gara iddoo/ dhaabbata/ biroo jijjiru baruumsa hordoofaa yoo jiraatee sagantaa barnoota baraa hanga xumuuruutti ni eega. Ta’us eeyyama hojjataan yoo ta’ee jijjiiraan raawwatamu ni danda’u .

5. Qormaata biyyooleessa namoonni qorataman dursanii warshichaaf beeksisaniifi raga dhiyeessan guyyaa qormaataaf eeyyamni mindaa waliin ni keennama

Keewwata 36: Waa’ee omishaalee hojjataaf gurguraman, haftee bu’aa omishaalee fi meeshaalee keessaa garagalchaman keennaman

1. Warshichii omishaalee omishuu keessaa Hucuuwwan addaa addaa waggaatti yeroo tokko uffata guutuu sadiifi Shamizii gatii omisha warshichaan hojjataa tokkoon tokkooniif gama waldaa bu’uuraa hojjattootaan bituu ni danda’a.

2. Bittaa waggaaf eeyyamamee bara itti aanuuf sababa dhiyeessa warshichaan yoo hin taanee alatti hin darbu.

3. Meeshaalee keessaa garagalchaman gurguraman gatiin isaa %50 hirisuun gama waldaa bu’uuraa hojjattootaan hojjattoota warshichaaf ni gurguurama. Waldichiis gurgurtaa hordoofuu fi raawwachisuudhaaf mirga qaba.

Keewwata 37: Gurshaa Waggaa

1. Guurshaa/boonasiin/ waggaa kaayoon isaaijoon omishituummaa hojjataa dabaluudhaafi hojjataaniis kanuumaan jajjabaatee omisha kan caalu taasisuudhaaf warshicha bu’a qabeessa taasisuudhaa akka dandeessisuudhaaf. Warshaa keenya keessatti kanuuma tilmaama keessa galchuun haal a itti aanun kanfaltiin boonasii akka taasiffamu ni godha.

1.1. Dhaabbatichii bu’aa yoo buusee mindaa ji’a tokkoo boonsasii ni keenna. Bu’aan bara darbe kan caalu yoo ta’e immii mindaa ji’a tokkoofi walakkaa boonasii ni keenna.

1.2. Hojjataa’ichii bara bajata itti aanu kan caalu jajjabaatee akka hojjatu taasisuudhaaf qaammee guyyaa 1 kanfaltiin boonsanii ni raawwatama. Heereegicha odiitara alaan qorachuu qaba. Ta’us heereegini yoo hin qaqqabnee ji’a Onkoolaleessa darbuu hin qabu. Kanfaltiin kan ilaallatu yeroo yaalii isaa xumuuree waggaa tokkoo fi isaa ol hojjataa dhaabbii tajaajilee yoo ta’u. bara tajaajila caqasamee hojjataa guutee tarree lakk. Kanaan kan caqasameen alatti daandii adda addaan, sooramaan, balaadhaan, dhukkuubbiidhaan, jijjiiraadhaan, eeyyamaan gadii lakkisuufi sababa biroonwarshicha yoo gadii lakkisee,

a. Hojjataa waggaa ol tajaajilee hojii isaa gadii lakkisu kanfaltiin boonasii kan heereegamu mindaan ji’aa 12 hiramee ji’a tajaajileen baayatee ta’a. jiinii tajaajilee gamiisaa ol yoo ta’e akka ji’a guutuutti kan lakkaawwamu yoo ta’u gamiisa ji’aa gadii- kan tajaajilee yoo ta’e hin lakkaawwamu.

1.3. Eeyyama adda addaa hojjattoota fudhatan keessaa hojjataa boonasiin kanfalamuuf

a. Eeyyama boqqoonnaa waggaa kan fudhatee

b. Balaan iddoo hojii irra qaqqabee eeyyama dhukkuubbii kan keennameef

c. Eeyyamnii gaddaa keennameefii hojjataa hojii irraa hafuu qaba. Kanaan alatti sababa adda addaan hojjataa hojii irraa hafuuf guyyaa hafee boonasiin hin kanfalamu.

d. Sababa dhukkuubbii hojii waliin wal hin qabannee ramaddii gahee hojii isaa irraa ka’ee hojii salphaa irratti hojjataa ramadamee boonasiin hin kanfalamu.

1.4. Sababa adda addaan hojjattoonni hojii ba’aan yeroo hojjataniif gurshaa/boonasii/ argachuudhaaf mirga yoo qabaatan gurshaa/boonasiin/ guyyaa kanfalamuu eegalee hanga ji’a ja’a gahuutti qaamaan dhiyaatee yoo hin fuudhannee hn kanfalamu.

1.5. Of eeggannoo tokko malee balleessaawwan hojiiirraa nama arisisaniin hojjataa hojii irraa gaggeeffamee gurshaan/ boonasiin/ waggaa hin kanfalamu.

1.6. Kanfaltii gurshaa/boonasii irraa akka hirifamuu hojjataan yoo gaafateen ala dhaabatichii kanfaltii taakisii mootummaan alatti kanfaltiiwwan biroo kamiyyuu hin muru. Ta’us gurshaan kanfalamuufii kan malu ta’e hojjataa hojii irraa gaggeeffamee yeroo gurshaan kanfalamu idaan irratti hafee kamiyyuu kan hirifamu ta’a.

Keewwata 38: Daballii Mindaa Kan Waggaa

1. Dhaabbatichii bara bajataatti bu’aa buusuun isaa oditaroota alaan yoo mirkanaa’u daballii mindaa isaa %15 ni keenna. Akka lakkoofsa Itiyoophiyaatti Adooleessa guyyaa 1 hanga Waxabajjii guyyaa 30 guyyaa 30 guyyaa jiru.

2. Daballiin mindaa Onkoolaleessa darbu hin qabu.

3. Hojjataan tokko daballii argachuuf yoo xiqqaatee ji’a 6/ja’a/ warshicha tajaajilu qaba.

Keewwata 39: Uffata Balaa Ittiin Ittiisamuufi Hojii

1. Hojjattoota irratti iddoo hojitti balaan akka isaan irra hin qaqqabneef akkasuumas sababbiiwwan dhukkuubbii hojii isaanii duukaa wal qabatan hundaaf nageenyii/fayyaan isaanii meeshaa ittisaafi of eeggannoo barbaachisu taasisuun itti gaafatamummaa warshaadha.

2. Hojjataa’ichi of eegannoo balaawwan hojii irratti qaqqabuu ilaalchisee qajeelfama keennamuf kabajuu qaba.

3. Sababa anqiina of eeggannoon osoo hin taanee uffanni hojii hojjataa jalaa tarsa’e ykn bade itti gaafatamaa dhiyootiif ni iyyata. Itti gaafatamaan hojii isaa dhiyoo yoo itti amanee kan tarsa’e ykn bade deebisee uffanni haaraan hojjataaf akka keennamu ni taasisa.

4. Maal na galchee hojjataan uffan hojii yoo jalaa bade ykn yoo jalaa atamee raga ga’aa dhiyeessee kanfaltee isaa kanfaltii yeroo lamatti akka kanfaluu taasiffamee ni keennamaaf.

5. Hojjataan uffata balaa itiin akka of irraa ittisuu keennameef uffata hojii hojii irratti fayyadamu qaba.

6. Meeshaalee balaa ittiin of irraa ittisamuufi koreen nageenya fayyaa hojjattootaa hordoofu ni hundeeffama.

7. A. Warshichii lakk lakk. 3 kan duukaa wal qabatee uffata hojii hojjatootaa caqasaman hodhisisee ni keenna.

B. Waggaatti yeroo lama uffata hojii keennamani fi balaa kan ittiin of irraa ittiifamu yeroo kamiyyuu ji’a Amajjii waggaa jalqabaa yoo keennamu kurmaanni lammaffaa ykn gamisnii ji’a Adooleessaa ni keennama.

8. Hojjattoota eegumsaatiif kaappoortii fi uffanni bokkaa keennamu waggaa lamatti yeroo tokkoodha. Kan biroof lakk. 3 kan duukaa wal qabatee irratti kan caqasamani uffanni bokkaa haaluma kanaan ta’a.

9. Lakk 3. Kan duukaa wal qabatee kan caqasamee saamunaan kan keennamu ji’atti saamunaa lakkoofsaan 3/sadii/dha.

10. Guwaantiin laastikaafi gogaa, Googil maakisiin, Manatsiriin tajaajila akka xumuranitti ykn faayidaadhaan ala ta’uun isaanii yoo mirkanaa’e qofa keennama.

11. Uffanni hojii fi Kopheen waggaatti yeroo lama ji’a jahaan n keennama.

12. Lakk. 3 kan duukaa wal qabatee irratti dorgoggoorii yoo muudatee bu’uura bu’aa qorannoo inspeekishiniitiin ni raawwatama.

Keewwata 40: Tarkaafiiwwan Naamuusaa

Tarkaanfiiwwan Naamuusaa /Disipiliinii/fi Haala Sirna Dhiyeessa Koomii

1. Haala tarkaanfiin adabbii itti fudhatamu

1.1. Haali sochii hojii warshichaa dagaaguu kan danda’u hojjataan human fi beekumsa qabu osoo hin qusannee omisha irratti olchee omishtummaa isaa yammu guddisu naamusa dafqaan bulaa yoo jabaateedha.

1.2. Kunis kaayyoo isaa galmaan gahuudhaaf tattaafii taasisuun hojjataa guutuun hirmaataa akka ta’u kakkaasuufi kaayyoo iaa raggaasisuudhaaf yammu jedhamu kan balleessee irratti tarkaanfii naamusaa fudhachuun dirqama barbaachiisaa sababa ta’eef kutaa kana keessatti tarkaafiin naamuusaa caqasaman raawwii irra ni olu.

2. Adabbiin dura tarkaaffiiwwan naamuusaa fudhataman

2.1. Hojjataan kamiyyuu balleessaa raawwachu isaa itti gaatamamaa dhiyoo isaan akka hubatamee hojjataa balleessee irratti tarkaanfii naamuusaa raawwatamu bu’uura walta’iinsa gamtaa kanaan ni fudhatama. Ta’us balleessaawwan hojii irraa dhorkisisaniifi gaggeessisan ta’aanii yoo argaman itti gaafatamaan kutaa raga gahaa wajjiin bulchiinsaaf ni dhiyeessa. Bulchiinsiis eega mirkaneessee booda bu’uura walta’iinsa gamtaa kanaafi labsii dhimma hojjataafi hojjachisaa 377/1996 tiin tarkaanfii naamusaa ni fudhata.

2.2. Sadarkaa sadarkaadhaan kutaa’ichi tarkaanfii fudhatuu bulchiinsaaf garagalchaan ni beeksisa.

3. Balleessaa raawwateef itti gaafatamaa ta’uudhaan of eeggannoo tokko malee balleessaawwan hojii irraa gaggeessisan

3.1. Iddoo dhorkameetti Sigaaraa Xuxuun midhaa geessisuu.

3.2. Qabeenya warshichaa eeyyama malee faayidaa ofiitiif olchuu ykn nama birootiif kan keennee ykn akka fudhatamu kan taasisee ykn kan deeggare.

3.3. Ta’e jedhee ibdaan ykn eleektiriikiidhaan qabeenyaa warshichaa irratti midhaan akka uumamuu kan taasisee ykn kan jajjabeesse.

3.4. Ji’a keessatti walitti aansuun guyyaa hojii shan/5/ kan hafee ykn waggaa tokko keessatti akka waliigalaatti guyyaa hojii 30 sababa gahaa malee hojii irraa hafu.

3.5. Saba ta’u isaa soo beekuu faayidaa argachuu hin mallee argachuudhaaf ykn namoota biroof akka argatan taasisuudhaaf eeyyama keennamee haaqee/laaqee/ ykn hanga eeyyamameefii of kan dabalee ykn mallattoo abbaa taayidaa fakkeessuudhaan kan mallatteessee akkasuumas kan laaqee ykn sanad sobaafi gabaasa balaa sobaa kan dhiyeessee, Omisha seeraan kan hin galmeessinee meeshaalee to’annoo omishaa kan hirisee ykn kan balleessee akka waliigalaatti galmeewwan warshichaa akka jeeqamu kan taasisee.

3.6. Raga sirrii hin taanee kan dhiyeessee ykn waraqaa raga nama biro fi raga mux xannoo hojii kan fayyadameefi maqaa isaa jijjiiree kan fayyadamee.

3.7. Konkoolaataa warshichaa eeyyama malee kan konkoolaachisee ykn faayidaa mataa isaaf kan olchee faayidaa nama birootiif kan o0lchee ykn namnii biroo akka konkoolaachisu kan laasisee.

3.8. Hojii irratti machaa’ee kan argame.

3.9. Konkoolaataa warshichaaf nadaajii ykn Zayita eeyyamanmee faayidaa mataa isaatiif ykn nama birootiif kan olchee.

3.10. Balaan uumamuu isaa ykn badiin uumamuu isaa osoo beeku kan hin ibsinee ykn konkoolaataa konkoolaachisu irratti midhaa qaqqabee kan dhokisee ykn konkoolaataa fudhee hiktuu/mafchaa isaa, goomaawwan, kirikiwwan kkf gatee kan dhokisee,

3.11. Warshicha keessatti to’annoo yeroo, lakkooftuu madaalliiwwan omishaa, haala guutiinsa sa’aa hojii yeroo hojii darbaa, hanga mindaa kontiraataan ykn haala qacarrii fi kanfaltii hojjataa guyyaan hojii irratti ramadamee hojjataa ramadamee hojjatu kamiyyuu haala hojjiimaata siriitiin alatti hojjatee hojjataa biroo ta’e jedhee kan fayyadee ykn kan deeggare.

3.12. Matta’aa itti gaafatamummaa isaa dogoggorsu kan keennee ykn kan fudhatee akka keennuu ykn akk fudhatu kan taasisee,

3.13. Meeshaa ykn qabeenya warshichaa kamiyyu irratti ta’e jedhee badii cimaa kan geessisee,

3.14. Anqiina hojii eegumsaan warshicha ykn qabeenya warshichaa irratti ykn hojjataa irratti midhaan akka qaqqabu kan taasisee ykn kan deeggare.

3.15. Iddoo fi yeroo hojitti warshicha keessatti ykn konkoolaataa warshichi tajaajila geejibaaf ramadee irratti kan wal dhaanee/reebee/ kan isaa olii ykn isaa gadii kan rukutee,

3.16. Walta’iinsa gamtaa kana keessatti of eeggannoo isa dhumaa eega fudhatee booda balleessaa kan raawwate.

3.17. Warshiicha keessatti gocha sagaagalummaa kan raawwate,

3.18. Eeyyama itti gaafatamaa isaa malee kan ba’e ykn ichitii hojjataan baasee kamiyyuu ragaadhaan yoo mirkanaa’e.

Keewwata 41: Sababbiiwwan Adabbin Itti foyya’aan

1. Hojii adeemsiisaa warshichaaykn itti gaafatamaan qajeelcha bulchiinsaa ykn dhunfaadhaan kan murtaa’e qubsaafi gahaa ta’een ta’u isaa eega hubatee booda hojjataa tokko irratti tarkaanfiin adabbii fudhatamee akka foyya’u taasisuu ni danda’a.

2. Hojjataan tokko balleessaa adabsiisu tokko raawwatee tarkaanfiin eega fudhatamee booda ji’oota walitti aanan 6 balleessaa osoo hin raawwanee haaleewwan foyyeessee yoo argamee tarkaanfii naamusaa irratti fudhatamee akka irratti hin fudhatamneetti lakkaawwwamee maqaa isaa gaarii turee ni haarooma.

3. Balleessaa addaan waa’ee hojjattoota hojii ba’aanii.

3.1. Guddiinii sadarkaa warshichaa fi daballii mindaa yeroo taasisu hojjataa’ichii balleessaawwan raawatuun ragaalee wal qabatan hanga ji’a 6 /ja’a walitti aananii itti fayyadamu ni danda’a.

3.2. Warshichii of eeggannoo barreeffamaa isa dhumaa hojjataa keenneef waldichaaf barreeffamaan ni beeksisa.

3.3. Hojjataan tokko sababa hafiinsaan mindaan isaa hirifamuun dura raga dhiyeessu qaba.

Keewwata 42: Haala Sirna Dhiyeessa Koomii

1. Hojjataan tokko dhimma hojiin wal qabatee fi tarkaanfii naamusaa irratti fudhatameen koomiin yoo itti dhaga’aamee murteen guyyaa isa qaqqabee eegalee hanga guyyaa 3 keessatti hojii adeemsiisaa kutaa omishaatiif koomii isaa barr4eeffamaan ni dhiyeessa, Hojii adeemsiisaan kutaa omishaas sababbiin humnaa ol ta’e isa hin mudannee yoo ta’een ala guyyaa sadii keessatti dhimmicha qoratee murtee ni keenna.

2. Itti gaafataaan kutaa omishaa murtee keenneetti kan hin gammadinee yoo ta’e gama bakka bu’aa waldaan ykn dhunfaan guyyaa lama keessatti itti gaafatamaa kutaa bulchiinsaafi faayinaansiif ni dhiyeessa. Kutaan bulchiinsaafi faayinaansiis tarkaanfiin naamusaa fudhatamee madaalee guyyaa afur keessatti murtee ni keenna.

3. Waldichii murtee bulchiinsaafi faayinaanisii irratti kan hin gammadinee yoo ta’ee guyyoota kudha shan keessatti himannaa isaa qaama seera qabeessaa ilaallatuuf dhiyeessuu ykn abbaan dhimmichaa akka dhiyeessu taasisuu ni danda’a.

4. Koomiin kamiyyuu sadarkaa armaan olitti tarreeffamee eegee yeroo murtaa’eetti yoo dhiyaannee ta’ee ala fudhatama hin qabu.

Keewwata 43: Hojjattoota Yakkaan hidhaman

1. Hojjataa’icha irratti yeroo guyyaa 30 hin caallee murteen hidhaa murtaa’e hojii irraa yoo hafee fi raga seera qabeessaa yoo dhiyeessu akka haalichaatti ilaalee gara hojii isaa deebisuunii ni danda’a.

2. Hojjataan warshichaa hodhamee bilisaan yoo gadii lakkifameefi bu’uura tarree lakk. In gara hojii carraa deebi’u yoo argatee bu’uura seerichaan kanfaltiin kanfalamuufii malu yoo jiraate ni kanfalamaaf.

3. Tarree lakk. 1 kan caqasamee walta iinsa gamtaa kana keessatti of eeggannoo tokko malee balleessaawwan gaggeessisan duukaa dhimma wal qabateen yoo ta’e raawwatinsa hin qabu.

Keewwata 44: Guca haala Murtii Adabbii

Gosoota balleessaa Addaa Addaa fi Tarkaanfii Naamuusaa

T/L 1 2 3 4 5 6
1 Dursee eeyyama osoo hin fudhannee ykn sababa gahaa malee daqiiqaa 15-60kan barfatee Of eeggannoon afaani ni keennama Of eeggannoon barreeffaamaa ni keennama Adabbii mindaa guyyaa 1 Adabbii mindaa guyyaa 2fi of eeggannoo barrreeffamaa isa dhumaa Gaggeeffama
2 Hojjataa guyyaa 1/tokko/ eeyyama malee hojii irraa hafee Of eeggannoon barreeffamaa ni keennama Adabbii mindaa guyyaa 1 Adabbii mindaa guyyaa 3 fi of eeggannoo barreeffamaa isa dhumaa Gaggeeffama
3 Eeyyama ykn sababa gahaa malee guyyaa 2 hojii kan hafee Of eeggannoon barreeffamaa ni keennama Adabbii mindaa guyyaa 2 Adabbii mindaa guyyaa 4 fi of eeggannoo barreeffamaa isa dhumaa Gaggeeffama
4 Eeyyama ykn sababa gahaa malee guyyaa 3 hojii kan hafee Of eeggannoo barreeffamaa adabbii mindaa guyyaa waliin Adabbii mindaa guyyaa 2 Adabbii mindaa guyyaa 4 fi of eeggannoo barreeffamaa isa dhumaa Gaggeeffama
5 Yeroo hojitti iddoo hojitti cisee kan argame Of eeggannoo barreeffamaa Adabbii mindaa guyyaa 2 Adabbii mindaa guyyaa 4 fi of eeggannoo barreeffamaa isa dhumaa Gaggeeffama
6 Yeroo hojitti iddoo hojitti isaa dhisee deemee kan argamee Of eeggannoo afaanii Of eeggannoo afaanii Adabbii mindaa guyyaa 4 fi of eeggannoo barreeffamaa isa dhumaa Gaggeeffama
7 Yeroo hojitti hojii dhunfaa fi hojiiwwan biro hin eeyyamamnee raawwachu Of eeggannoo afaanii Of eeggannoo afaanii Adabbii mindaa guyyaa 3 fi of eeggannoo barreeffamaa isa dhumaa Gaggeeffama
8 Hojii itt ramadamee irratti qajeelfamaa ajaja keennameef kan hin raawwannee Of eeggannoo barreeffamaa Adabbii mindaa guyyaa 2 fi of eeggannoo barreeffamaa isa dhumaa

Keewwata 45: Walta’iinsa fi Murteewwan Waliigalaa

Balleessaawwan Walta’iinsa gamtaa Kana Keessatti hin Ibsamee

Balleessaawwaan walta’iinsa gamtaa kana keessatti hin ibsamee yoo muudatan warshichiifi waldaan gamtaa hojjataa waliin dubatee walta’iinsa gamtaa kana keessatti balleessaawwan tarreeffaman waliin waliin madaaluuni ykn bu’uura labsii dhimma hojjataafi hojjachisaan tarkaanfii fudhachuu ni danda’aama.

Keewwata 46: Seeroota ykn Walta’iinsoota Gara Fulduuraa Ba’aanii

1. Walta’iinsa gamtaa kana keessatti dhimmooni tasaafi yeroo hin keenninee yoo muudatan warshichii fi waldaan hojjataa walta’iinsa taasisaniin walta’iinsa gamtaa keessatti akka ammataman ni godhu, kunis mana hojii dhimma hojjataafi haawwaasummaatti eega galmaa’ee booda kan raawwatamu ta’a.

2. Akka labsii 377/1996 caqasameefi seeroota, danbiiwwaniifi qajeelfamoota gara fulduuraa ba’aaniin hojjataadhaaf irra caala faayidaa qabeessa ta’e yoo argamee hojii irra olchuu walta’iinsa gamtaa kun hin dhorku.

3. Hojjataa’ichii bu’uura walta’iinsa gamtaa kanaan faayidaan ykn mirgii argachuu malu warshichii jalaa hirisuu hin danda’u.

Keewwata 47: Bara Walta’iinsii Gamtaa Itti Cimee Turu

1.Warshaa Maahavir industirii waldaa dhunfaa itti gaafatamummaan isaa murtaa’efi waldaa hojjattootaa giddutti mallattaa’e mana hojii dhimma hojjataafi haawwaasummaan mirkanaa’ee guyyaa jalqaba galmaa’ee eegalee hanga waggaa 3/sadii/ kan cimuu ta’a.

2.Walta’iinsii gamtaa kun harra gaafa guyyaa_____________ A/L/H eegalee kan cimee ta’a.

Mallattoo garee waliigaltee taasisanii

Gama Dhaabbatichaa ____________________________ Gama Waldaa hojjataan

Maqaa ____________________________ Maqaa ____________________________

Mallattoo _________________________ Mallattoo _________________________

Guyyaa __08/3/2017_______________ Guyyaa ________08/03/2017_______

* Gama Dhabbatichaan

1.Obbo Tasfaayee Amaara _________

2.Obbo Abarraa Anjaa _____________

* Gama Waldaa hojjataan

1. Obbo Mahaammad Naasir ____________

2. Obbo Darajja Lataa ___________________

3. Obbo Dajanee Ishatuu ________________

4. Obbo Nigusee Zawudee _______________

Maahaviir Industirii Waldaa dhunfaa itti gaafatamummaan isaa murtaa’ee fi Waldaa bu’uuraa Hojjattoota Maahaviir Industirii Waldaa dhunfaa itti gaafatamummaan isaa murtaa’ee - 2008

Start date: → 2008-01-01
End date: → Not specified
Ratified by: → Other
Ratified on: → 2017-03-08
Name industry: → Manufacturing (no translation found)
Name industry: → Manufacture of textiles
Public/private sector: → In the private sector
Concluded by:
Name company: → 
Names trade unions: → 

SICKNESS AND DISABILITY

Maximum for sickness pay (for 6 months): → 50 %
Maximum days for paid sickness leave: → 180 days
Provisions regarding return to work after long-term illness, e.g. cancer treatment: → No
Paid menstruation leave: → No
Pay in case of disability due to work accident: → Yes

WORK/FAMILY BALANCE ARRAGEMENTS

Maternity paid leave: → 13 weeks
Maternity paid leave restricted to 100 % of basic wage
Job security after maternity leave: → Yes
Prohibition of discrimination related to maternity: → No
Prohibition to oblige pregnant or breastfeeding workers to perform dangerous or unhealthy work: → Yes
Workplace risk assessment on the safety and health of pregnant or nursing women: → No
Availability of alternatives to dangerous or unhealthy work for pregnant or breastfeeding workers: → Yes
Time off for prenatal medical examinations: → Yes
Prohibition of screening for pregnancy before regularising non-standard workers: → No
Prohibition of screening for pregnancy before promotion: → No
Facilities for nursing mothers: → Yes
Employer-provided childcare facilities: → No
Employer-subsidized childcare facilities: → No
Monetary tuition/subsidy for children's education: → No
Paid leave per year in case of caring for relatives: → 5 days
Leave duration in days in case of death of a relative: → Insufficient data days

EMPLOYMENT CONTRACTS

Trial period duration: → 45 days
Severance pay after 5 years of service (percentage of monthly salary): → 33 %
Severance pay after one year of service (percentage of monthly salary): → Insufficient data %
Part-time workers excluded from any provision: → No
Provisions about temporary workers: → No
Apprentices excluded from any provision: → No
Minijobs/student jobs excluded from any provision: → No

WORKING HOURS, SCHEDULES AND HOLIDAYS

Working hours per day: → 8.0
Working hours per week: → 48.0
Maximum overtime hours: → 5.0
Paid annual leave: → 10.0 days
Paid annual leave: → 2.0 weeks
Paid bank holidays: → Derg Downfall Day in Ethiopia / Day of the Republic in Azerbaijan (28th May), Ethiopian Victory at Adwa Day / Angolan Women Day / Myanmar's Peasants DAy (2nd March), Ethiopian Easter, Ethiopian New Year / National Day of Catalonia (11th September)
Rest period of at least one day per week agreed: → Yes
Paid leave for trade union activities: → -10.0 days
Provisions on flexible work arrangements: → No

WAGES

Wages determined by means of pay scales: → No
Adjustment for rising costs of living: → 

Wage increase

Once only extra payment

Once only extra payment: → ETB 200.0 %
Once only extra payment due to company performance: → No

Premium for overtime work

Premium for overtime work: → 150 % of basic wage

Premium for Sunday work

Premium for Sunday work: → 200 %

Allowance for commuting work

Allowance for commuting work: → ETB 200.0 per month

Meal vouchers

Meal allowances provided: → No
Free legal assistance: → No
 
Loading...